Itiyoophiyaan Naannawaa Galaana Diimaatti qooda ishee gaafachuun sirriidha…

Finfinnee, Sadaasa 23, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan nageenyaafi tasgabbii naannawichaa mirkaneessuu keessatti gahee ijoo waan qabduuf, naannoo Galaana Diimaatti qooda ishee gaafachuun sirriidha jedhan  Inistiitiyuutii Qorannoo Nageenyaa Afrikaatti Daayirektarri Naannawaa Baha Afrikaa Dooktar Pool Siimoon Haandiin.
 
Dooktar Pool Siimoon Haandiin akka jedhanitti, Itiyoophiyaan Fooramii Xaanaa dabalatee waltajjii idil-addunyaa hedduu keessummeessuun, giddugala naannawichaa ta’uu ishee hojii qabatamaan agarsiisteetti.
 
Itiyoophiyaan nageenyaafi tasgabbii naannawichaa keessatti gahee olaanaa bahachaa jiraachuu ibsanii,  fedhiin biyyattiin ulaa galaanaa argachuuf qabdu fedhii yeroo dheeraa waan ta’eef, adeemsi mootummaa karaa nagaan ulaa galaanaa argamsiisuu taasisu  kan deeggaramu ta’uu eeraniiru.
 
Itiyoophiyaan naannoo Galaana Diimaatti qooda akka qabaattu barbaaduun ishee sirrii ta’uufi  fedhiin kunis biyyoota Gaanfa Afrikaa waliin marii fi waliigalteen furamuu qaba jechuun isaanii ENA’n gabaaseera.
 
Yunivarsiitii Naayijeeriyaa Oobaafeemii Awooloowootti Piroofeesarri Hariiroo Idil-addunyaa Chaarlas Ukejee gamasaaniin, Itiyoophiyaan humna guddaa Gaanfa Afrikaa ta’uu ibsuun, fedhiin Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf qabdu biyyoota ollaa waliin karaa marii fi waliigaltee, qaamolee hundaaf bu’aa fiduu danda’uun furmaata argachuu akka qabu hubachiisaniiru.
 
Dabalataanis, Itiyoophiyaan waggoottan kurnan darban keessatti nageenyaafi tasgabbii naannawichaa mirkaneessuu qofa osoo hin taane, dameewwan bulchiinsaafi daldalaa irrattis jijjiirama bu’a qabeessa galmeessuu eeraniiru.
 
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

 

Comments (0)
Add Comment