Itiyoophiyaan Shaampiyoonaa Yaa’ii BRICS 18ffaati – Dippiloomaatii Chaayinaa

Finfinnee, Fulbaana 8, 2019 (FMC) –Hariiroon hundagaleessi Itiyoophiyaa fi Chaayinaa bu’aa qabatamaa galmeessaa jira jedhe Itiyoophiyaatti Imbaasiin Chaayinaa.

Murannoo siyaasaa hoggantoota biyyoota lamaaniin hammattoowwan tumsaa hedduun bu’aa qabatamaa galmeessaa jiraachuu Imbaasii Chaayinaa Itiyoophiyaatti argamutti Eeggataa Itti Gaafatamaan San Miingishiin ibsaniiru.

San Miingishiin hariiroo, ejjennoo fi tumsa BRICS biyyoota lamaanii ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Hariiroo hundagaleessi biyyoota lamaanii yeroo gara yerootti guddachaa dhufuu dubbatan.

Yaa’ii 18ffaa BRICS Hinditti gaggeeffamerratti Itiyoophiyaan injifannoo olaanaa galmeessuu ibsan.

Fakkeenyaaf, Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa, akkasumas Dhaabbata Aviyeeshinii Siivilii Idil-Addunyaa keessatti Afrikaa irraa kaadhimamtuu akka taatuu fi Yaa’ii COP32 gaggeessituuf biyyoota miseensa BRICS irraa deeggarsa guutuu argachuu ishee eeran.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad daawwannaa bara 2023 Chaayinaatti taasisanirratti mariin Pireezidaantii Chaayinaa Shii Jiinpiingi waliin godhan hariiroon biyyoota lamaanii gara sadarkaa olaanaatti akka ce’u taasisuu himan.

Murtoon kun hariiroo gama bu’uuralee misoomaa, Daldalaa, Loojistiksii, Fayyaa, Barnoota, Hubannoo namtolchee,akkasuma anniisaa haaromu, hariiroo ummataa fi ummataa biyyoota lamaan gidduu jiruuf boqonnaa haaraa kan bane ta’uu dubbatan.

Waltajjii daldalaa baatii Adoolessaa Finfinneetti gaggeeffamerratti waliigalteen Doolaara miiliyoona 300 fi miiliyoona 30 mallattaa’uu kaasan.

Hariiroon biyyoota lamaan gidduu jiru waltajjiiwwna BRICS, tumsa Chaayinaa fi Afrikaa, akkasumas waltajjiiwwan idil-addunyaa biroo fayyadamuun cimee itti fufa jedhan.

Kanaafis biyyi isaanii ejjennoo cimaa qabaachuu ibsa isaaniin mirkaneessaniiru.

Masaafinti Birilleetiin

Comments (0)
Add Comment