Finfinnee, Hagayya 19, 2018(FMC)- Itiyoophiyaatti uwwisni tajaajila fayyaa dabaleera jedhan Ministirri Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan.
Yaa’iin Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Naannawaa Afrikaa 76ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Dooktar Maqdas Dhaabaa wayita kana yaa’ichi Itiyoophiyaaf carraa gaarii ta’uu kaasanii, Afrikaaf sirna fayyaa fooyya’aa ijaaruuf kan dandeessisu ta’uus ibsaniiru.
Itiyoophiyaatti uwwisni tajaajila fayyaa fooyya’uufi misooma humna namaarratti hojiilee hedduun hojjetamuu eeraniiru.
Bu’aaleen kunneen qabatamaan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu dubbataniiru.
Daayrektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teewoodiroos Adihaanoom ergaa Viidiyoo Konfiransiindabarsaniin, yaa’ichi dhiyeessii faayinaansii damee fayyaa irratti akka mari’atu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia