Finfinnee, Eebila 12, 2018 (FMC)- Itoophiyaa fi Ostiriyaan stiriyaan dhimmoota jijjiirama qilleensaa fi galmoota misooma waaraa (SDGs) irratti waliin hojjechuuf walii galteerra gahaniiru.
Ministiirri Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootewoos Ministiira Dhimma Alaa Ostiriyaa Bee’aata Meeyinil-Raayiziingar waliin mari’ataniiru.
Dooktar Geediyoon Ximootewoos wayita kanatti, ajandaa fooyya’insa dinagdee mandhalee Itoophiyaa, akkasumas carraalee investimentii dameewwan furtuu kanneen akka annisaa haareeffamaa, manufaakchariingii, tuuriizimii fi bu’uuraalee misooma dijiitaalaa ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Gama isaaniitiin Bee’aata Meeyinil-Raayiziingar, Ostiriyaan hariiroo biyyoota lamaanii guddisuufi walitti dhufeenya daldalaa cimsuuf fedhii akka qabdu ibsan.
Akkaataa itti daawwannaajila daldalaa fi investimentii mijeessuun danda’amu, akkasumas damee kalaqaa, cehumsa teeknooloojii fi misooma ogummaa irratti tumsa dhaabbatummaa cimsuuf fedhiin akka jiru eeraniiru.
Kanumaan walqabatee, Fooraamii Daldalaa Gamtaa Awuropaa fi Itoophiyaa har’a gaggeeffame irratti dhaabbileen daldalaa Oostiriyaa hirmaannaa milkaa’aa gochuu isaanii dubbataniiru.
Ministiroonni lamaan karaa tumsa gam-daneessaa, Itoophiyaa fi Ostiriyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi waltajjiiwwan idil-addunyaa biroo, keessattuu dhimma jijjiirama qilleensaa fi galmoota misooma waaraa irratti tumsa isaanii cimsuuf walii galteerra gahaniiru.
Biyyoonni lamaan hariiroo gama lamaanii cimsuuf kutannoo qaban irra deebiin kan mirkaneessan yoo ta’u, dameewwan siyaasaa, dinagdee, barnoota, aadaa fi gam-daneessaan carraaleen tumsaa bal’aan jiraachuu odeeffannoon Ministeera Alaa irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia