JICA’n Ajandaawwan Misoomaa Itiyoophiyaa Dursi Kennamuuf akka Deeggaru Waamichi Dhiyaate

Finfinnee, Eebila 12, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Ejansiin Tumsa Idil-addunyaa Jaappaan (JICA) michummaa misoomaa qaban caalaatti cimsuuf waliigalaniiru.

Jilli Ministira Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen durasamu, walga’ii Dhaabbata Maallaqa Idil-addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa kan bara 2026 Waashingitan Diisiitti gaggeeffamaa jiru cinatti, Itti-aanaa Pirezidaantii JICA Na’ooki Andoo waliin mari’ataniiru.

Obbo Ahimad Shidee michummaan waggoota dheeraa Itiyoophiyaan Jaappaan waliin qabdu kan dinqisiifamu ta’uu eeranii; keessattuu deeggarsa JICA’n dameewwan bu’uura misoomaa, qonnaa, fayyaa fi barnootaa irratti walitti fufiinsaan kennaa jiruuf galateeffataniiru.

Ministirichi raawwii ajandaa fooyya’iinsa diinagdee Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu ilaalchisee ibsa kan kennan yoo ta’u, qormaatawwan idil-addunyaa gidduutti cimiina diinagdee mul’ate ibsaniiru.

JICA’n dameewwan misoomaa dursi kennamuuf kanneen akka aviyeeshinii, dhiyeessii humnaa fi bu’uura misoomaa daandii irratti deeggarsa isaa akka cimsu gaafataniiru.

Kana malees, dandeettii dandamannaa jijjiirama qilleensaa guddisuu fi hojiiwwan misooma magariisaa irratti JICA’n hirmaannaa bu’a qabueessa akka taasisu waamicha dhiyeessaniiru.

Naa’ookii Andoo gama isaaniitiin, ajandaa misoomaa Itiyoophiyaa deeggaruuf kutannoo akka qabu mirkaneessaniiru.

Dabalataanis, dhimmoota waliinii dursa argachuu qaban cimsanii akka tumsan ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment