Finfinnee, Adoolessa 28, 2018 (FMC) – Jilli Atileetiksii Itiyoophiyaa umrii waggaa 20 gadii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 21ffaarratti hirmaatu Ameerikaa Oorigan gaheera.
Itiyoophiyaan Meetira kuma 5, kuma 3, kuma 1 fi 500 fi meetira 800’n koorniyaa lamaaninuu dorgommicharratti ni hirmaatti.
Dabalataan fiigicha gufachiisan meetira kuma 3 fi meetira 400 Atileetota dubartotaan, akkasuma dorgommii tarkaanfii ammoo koorniyaa lamaaniinu hirmaatti.
Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 21ffaan Adoolessa 29 hanga Hagayya 3, 2018 Ameerikaa bulchiinsa Oorigan Magaalaa Yuujiiniitti kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.