Finfinnee, Caamsaa 23, 2018 (FMC) – Jilli Taajjabdootaa Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa(IGAD) naannoo filannoo magaalaa Jimmaatti argamuun adeemsawwan qophii filannoon duraa ilaaleera.
Jilli kun qophiin dursaa haala gaariin geggeeffamaa akka jiru mirkaneessuu isaa Ittigaafatamaan Naannoo Filannoo magaalaa Jimmaa Nabiyaat Abirahaam beeksisaniiru.
Lammiileen miiliyoonni 54 ol sagalee kan itti kennan Filannoon Waliigalaa 7ffaa boru Caamsaa 24 geggeeffama.
Akkasuma Bulchinsa magaalichaatti meeshaaleen filannoof barbaachisan buufataalee hunda gahuu itti gaafatamtuun naannoo filanno bulchiinsa magaalaa Jimmaa Aadde Nabiyaat Abrahaam himaniiru.
Magalaatiitti buufataaleen filaanoo 117 kan jiran yoo ta’u,buufataalee hunda meeshaaleen qaqqabuu kaasan.
Abeenezar Taayyee Na’imaa Kaliifatu gabaase