Jiraachuufi Sarara birmadummaa biyyaa …

Finfinnee, Fulbaana 22, 2019 (FMC) – Murtoon mootummaan kaleessa fedhate jiraachuu biyyaa fi sara diimaa birmadummaa Itiyoophiyaa ifatti kan mul’ise taatee seenaati.

Itiyoophiyaan kaleessa Imbaasiin ishee Asmaraatti argamu akka cufamuu fi Dippiloomaatoonni Eertiraa 10 Finfinneetti argaman sa’aatii 48 keessatti akka bahan ajaje dabarsiteetti.

Murtoon mootummaa kun birmadummaa biyyaa fi nageenya ummataa kabachiisuuf tarkaanfii murteessaa fudhatamedha.

Kunis agarsiiftuu murannoo cimaati.

Itiyoophiyaan fayyadamummaa waloo, obbolummaa, guddinaa fi nageenya naannawaaf dursa kennitee hojjetaa turteetti.

Haa ta’uutii qajeeltoowwan kunneen birmadummaa, jiraachuu biyyaa fi faayidaa biyyaalessaa sodaa irra hanga hin buufnetti qofa.

Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa dhimmicha ilaalchisee ibseen, Eertiraan Itiyoophiyaa irratti gochoota diinummaa fi walitti bu’iinsaa kallattii fi alkallattiin raawwatteef deebii kennuuf murtoo fudhatame ta’uu hime.

Eertiraa fi jaalleewwan ishee halkanii guyyaa dhama’anis nageenyii fi imalli badhaadhina Itiyoophiyaa hin gufatu.

Mootummaan itti gaafatamummaa heera mootummaa fi nageenya biyyaalessaa eeguuf itti kenname, yeroo gochoonni nageenya biyyattii qoran raawwataman callisee hin ilaalu.

Waliigaltee Dippilomaasii Viyeenaa cabsuun nageenya biyyaalessaa Itiyoophiyaaf kanneen yaaddoo ta’an biyyattii akka gadi dhiisan gochuun, seeraa fi adeemsa idil-addunyaa hordofuun tarkaanfii seera qabeessa fudhatamedha.

Dippiloomaasiin meeshaa faayidaa biyyaa kabachiisu malee birmadummaa biyyaaf sodaa ta’uun irra hin jiraatu.

Shiraaf uwwisa ta’ee tajaajiluu hin qabu.

Mirgaa fi hojmaata dippiloomaasii fayyadamuun nageenyaa fi dhimma biyya keessaa sodaarra buusuun adeemsa seera idil addunyaa cabseedha.

Kanaaf murtoon mootummaan murteesse kabaja biyyaa kan eegsiisu, nageenya ummataa kan mirkaneessuu fi qocholoo qaama kamiiyyuu kan qolatu tarkaanfii barbaachisaadha.

Murtoowwan darbanis, Itiyoophiyaan dhimma birmadummaa fi nageenya biyyaalessaa ishee irratti araarama akka hin qabaanne hawaasa idil-addunyaa fi biyyoota naannichaaf ergaa ifa ta’e kan dabarseedha.

Birmadummaa biyya kabachiisuun ejjennoo yeroo hunda hin raafamne ta’ee cimee itti fufa.

Yoonaas Geetinnatiin

#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment