Kaabineen Magaalichaa murtoowwan garaagaraa dabarse

Finfinnee, Ebla 13, 2018 (FMC) – Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Walga’ii idilee 10ffaa waggaa 5ffaa har’a taa’een dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Haaluma Kanaan Faayinaansii Bulchiinsa Magaalichaa ammayyeessuuf, itti gaafatamummaafi iftoomina hojimaataa guddisuuf qophaa’erratti mari’achuun raggaasiseera.

Dabalataanis Wixinee danbii misoomni manneenii bal’inaan magaalichatti ijaaramaa jiru raawwii fooyya’aa akka qabaatuuf, riifoormii Korporeeshinii manneenii cimsuuf fi dandeettii raawwachiisummaa guddisuuf qophaa’e irratti mari’achuun raggaasiseera.

Kana malees gaaffii iddoo babal’ina hojii indaastiriiwwan oomishaalee alaa galan oomishan, Pirojektoonni dargaggootaaf carraa hojii uuman, hoteelonni gaafatan akkasumas gaaffilee bulchiinsa gaarii mariiwwan walitti aanan Bulchiinsa magaalichaafi abbootii dhaabbilee amantaalee waliin taasifaman irratti ka’an deebisuuf yaada murtoo ramaddii lafaa dhiyaate irratti mari’achuun hojiirra akka ooluuf raggaasiseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment