Kaartaa, Afrikaa waggoota 500 oliif xiqqeessee agarsiisaa ture

Finfinnee, Hagayya 30, 2018 (FMC) – Mootummoonni Gamtoomani(UN) waggoota 500 ol booda Afrikaaf bifaa fi bal’ina ishee sirriitti kan ibsu kaartaa haaraa akka qabaattuuf murtee dabarsuun isaa ni beekama.

Afrikaan bal’inaan Eeshiyaatti aantee lammaffaa yoo taatu, bal’inni ishee waliigalaa iskuweer kiiloo meetira miliyoona 30.3 ta’a.

Ardichi biyyoota bilisooman 55 ol of keessatti qabatee, lafa addunyaa keessaa naannoo dhibbeentaa 20 kan uwwisu, akkasumas qabeenya uumamaa fi albuuda hedduu kan qabuudha.

Haa ta’u malee, Afrikaaan kaartaa addunyaa irratti bal’ina sirrii hin taaneen, kaartaa ogeessa ji’ograafii fi kaartaa Filaamishii Jeraardus Markator bara 1569 hojjete irratti hundaa’uun ardii xiqqaa fakkaachuun mul’achaa ture.

Kaartaa addunyaa irratti Afrikaa fi biyyattiin ofiin of bulchitu Giriinlaand walqixa fakkaatanii kan mul’atan yoo ta’u, bal’ina lafaa isaatiin garuu Afrikaaan Giriinlaand caalaa dachaa 14 guddaadha.

Afrikaan kaartaa addunyaa irratti xiqqoo fakkaachuun garuu akka odeeffannoon jiru ibsutti, Afrikaa xiqqeessuuf yaadamee kan hojjetame osoo hin taane, lafaa geengoo ta’e gara waraqaa diriiraa irratti kaartaa gochuuf herregni saayinsawaa yeroo sana fayyadaman keessatti rakkoo uumame irraa kan maddeedha.

Haa ta’u malee, Mootummootni Gamtooman walga’ii waliigalaa irratti Afrikaaf bal’ina ishee isa sirrii kan agarsiisu kaartaa haaraa akka qabaattuuf yaadni dhiyaate deggersa sagalee biyyoota 164 , mormii biyya tokko, sagalee malee biyyoota ja’aan , sagalee caalmaan mirkanaa’eera.

Akkaataa kanaan, Afrikaaan bakka bu’iinsa kaartaa jaarraa 16ffaa irraa ka’uun, kaartaa haaraa fi bal’ina ishee sirriitti madaaluun akka bakka buufamtuuf yaadni dhiyaateera.

Yaada kana biyyoonni humna guddaa qaban kanneen akka Faransaay, Ingiliz, Chaayinaa fi Raashiyaa yoo deeggaran, Ameerikaan garuu biyya yaada murtee kana mormite qofa taateetti.

Istooniyaa, Joorjiyaa, Liituwaniyaa, Mooldovaa, Serbiyaa fi Yukireen immoo biyyoota murtee kana irratti sagalee irraa of qusatan ta’aniiru.

Murteen kun Pirezidaantii Togootti yaada dhiyaatee fi deeggarsa Gamtaa Afrikaatiin kan darbe yoo ta’u, Afrikaaan dhaabbilee idil-addunyaa keessatti bal’ina fi ulfina ishee madaaluun akka bakka buufamtu, akkasumas addunyaan Afrikaa akkuma isheen taateetti akka ilaaluuf carraa haaraa kan banuudha.

Mikiyaas Ayyaalaatiin

#Oromia #Ethiopia #Oromiyaa

Comments (0)
Add Comment