Finfinnee, Qaammee 5,2018 (FMC)- Pireezidaantiin Kaawunsilii Mana Amantaa Kiristaanaa Amantoota Wangeelaa lubni Darajjee Jambaruu baga bara haaraa 2019 geessan jedhaniiru.
Pireezidaantichi ergaa isaaniin, barri 2018 dhuunfaanis ta’ee akka hawaasaatti milkaa’inni hedduu kan itti galmaa’eefi dhimmoonni fooyya’uu qaban akka jiran kan itti hubanne ture jechuun ibsaniiru.
Gara bara haaraatti akka ceenu kan nu gargaare waaqayyoo carraa gaarii nuuf kennetti fayyadamuu qabna jedhan.
Tokkoon keenyaa kan biroof baay’ee barbaachiisoo ta’uu hubachuun guddina biyyaaf hojjechuun biyya kan olkaasu ta’uusaan hundi itti gaafatamummaa isaa bahachuu akka qabu eeraniiru.