Komii hawaasaa waggootaa kan deebise Hospitaala Barsiisummaafi Riiferaalaa Asallaa

Finfinnee, Adoolessa 23, 2018 (FMC) –Yuunivarsiitii Arsiitti Hospitaalli Barsiisummaafi Riiferaalaa Asallaa tajaajila fooyya’aa haadholiifi daa’immaniif kennuu eegale jedhan jiraattoonni magaalichaa.

Yuunivarsiitichi Hospitaala haadholiifi daa’imman qofa tajaajiluuf gamoo sadarkaa isaa eeggate ijaaruun haadholiif tajaajila si’ataa fi dhaqqabamaa kennuu eegaluu ibsan.

Kana dura dhiphina kutaalee yaalaa irraa kan ka’e haadholii akkuma dahaniin gara mana isaanii gaggeeffamu turan kan jedhan jiraattonni kunenen amma hundi darbee haalli mijaa’aan uumamuu eeran.

Hoji Gaggeessan Hospitaala Barsiisummaafi Riiferaalaa Asallaa Dooktar Gaaddisaa Dajaneen haala asiin dura hin barataminiin tajaajila wal’aansa haadholiif daa’immaniif qofa kennu Gamoo abbaa darbii sadii ijaaruun hojii itti quufinsa qabu jalqabuu eeran.

Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 40 baasii gochuun MRI galchuun hawaasaa miiliiyoona shanii oliif tajaajila kennaa jiraachuu dubbatan.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Arsii Dooktar Fiqaaduu Mitikkuun gama isaaniin, Hospitaalichi tajaajila wal’aansa haadholiifi daa’immanii irratti waggootaf komiiwwan keessummeessaa turuu eeruun, yeroo ammaa ji’aan haadholii 600 oliif tajaajila si’ataa kennaa jiraachuu kaasan.

Hawaasni qorannoof iddoo biroo deemuun baasii humnaa ol baasaa turan amma Hospitaallichuma keessatti yaala hunda argachaa jiraachuu ibsan.

Olyaad Ahmad

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment