Finfinnee,Waxabajjii 17, 2018 (FMC) – Komishinichi adeemsa hunda hammataa fi hirmaachisaa ta’een ajandaalee Biyyaalessaa adda baaseera jedhan Komishinarri Olaanaan Komishinii Maree Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Aar’ayaan.
Komishiniin Maree Biyyaalessaa Itiyoophiyaa sagantaa Ajandaalee Yaa’ii Maree Biyyaalessaa ifoomsuu Galma Injifannoo Adwaatti gaggeessera.
Jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaalee, abbootiin gadaa, haadholiin siinqee fi keessummoonni waamichi taasifameef saganticharratti argamaniiru.
Komishinichi bu’uura aangoo isaan adeemsa hirmaachisaa fi hunda hammateen ajandaalee 8 adda baasuu ibsan Piroofeesar Masfin.