Komishiniin Maree Biyyaalessaa Wixinee Ajandaalee Maree Biyyaalessaa Dhaabbilee fi Waldaalee Siivikiitiif Dhiyeesse

Finfinnee, Caamsaa 20, 2018 (FMC) – Komishiniin Maree Biyyaalessaa Itiyoophiyaa wixinee ajandaalee maree biyyaalessaa dhaabbilee fi waldaalee siivikii komishinichaa waliin tumsaan hojjetaniif dhiyeessuun galtee walitti qabeera.

Waltajjii har’a gaggeeffame kana irratti Komiishinarri olaanaan Komishinichaa Pirofeesar Masfin Ar’aayaa akka jedhanitti; dhaabbilee fi waldaaleen siivikii adeemsa maree kana keessatti shoora murteessaa taphachaa jiru.

Komishinichi dhaabbilee kanneen waliin hojjechuun isaa qajeelfama loogirraa bilisa ta’uu eegsisuuf akka gargaares ibsaniiru.

Waltajjiin marii kun kan qophaa’e gumichi gaggeeffamuu isaa dura, qaamolee dhimmi ilaallatuuf wixinee ajandaalee beeksisuun yaada furmaataa walitti qabuuf akka ta’e ibsaniiru.

Pirofeesar Masfin gabaasa adeemsa hojii waggoota afran dabranii naannoo komishinichaa agarsiisu dhiyeessuun; waldaalee fi dhaabbileen siivikii shoora guddaa gama gumii maree biyyaalessaa fuulduratti gaggeeffamuuf jalqaban caalaatti cimsuun akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.

Komishinarri itti aantuun komiishinichaa Hirut Gabrasillaasee gama isaaniitiin wixinee yaadda ajandaalee qophaa’an ilaalchisuun ibsa kennaniin; ajandaaleen kunniin sadarkaa jalqabaa wixinichaa irratti akka argaman ibsaniiru.

Galteen qaamolee dhimmi ilaallatuu bal’inaan itti dabalamee akka gabbatus odeeffannoon komiishinichaa ni agarsiisa.

Ajandaaleen qophaa’an kun labsii hundeeffama komishinichaa keeyyata 6 irratti hundaa’uun ta’uu kan ibsan immoo Komiishinar Malaakuu Waldamaariyaam.

Labsiicharratti hundaa’uun ulaagaan ajandaan itti qophaa’u dhimmoota waliigaltee biyyaalessaa fi nagaa biyyaatiif gargaaran irratti xiyyeeffachuun akka ta’e ibsa kennaniiru.

Waltajjii maree biyyaalessaa irratti dhimmoonni ilaalaman ajandaalee biyyattii itti fufsiisuu danda’an ta’uu kan ibsan Komishinar Malaakuun;
waldaalee fi dhaabbileen siivikii milkaa’ina gumii biyyaalessaatiif dirqama fi itti-gaafatamummaa isaanii akka bahan gaafataniiru.

Marii kana irratti Waldaa Barsiistota Itiyoophiyaa, Gamtaa Afooshsaalee Itiyoophiyaa, Federeeshinii Qaama Miidhamtoota Itiyoophiyaa, ‘Ethiopians for Inclusive Dialogue’, ‘Timran’ fi ‘Destiny Ethiopia’ hirmaataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment