1. Kaadhimamaan filannoof galmaa’e yakka cimaa yoo raawwate, harkaaf harkatti yoo qabame malee hanga filannoon xumuramutti yakkaan shakkamuun hin himatamu,
2. Harkaa fi harkattis ta’u, kaadhimamaan gochaalee seeraan alaa raawwate taanaan tarkaanfiin seeraa irratti kan fudhatamu kan danda’u, wayita bu’aan filannoo karaa Boordii filannoon ibsame booda qofa,
3. Kaadhimamichi filannoo yoo injifate, yakka wayita filannoo raawwateef kan itti gaafatamu Manni Maree dhimmi ilaallatu mirga himatamuu dhabuu isaa yoo kaase qofaadha.
Itiyoophiyaan ni filatti!