Finfinnee, Fulbaana 23, 2019 (FMC) – Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa guyyaa har’aa ajandaaleefi yaadota furmaataa hirmaattota yaa’ii marii biyaalessaa irraa argaman Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dabarsee kenneera.
Komishinichi bakka Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad dabalatee hooggantoonni mootummaa olaanoon biroon argamanitti ajandaaleefi yaadota furmaataa kanneen dabarsee kenneera.
Sanadni komishinichi Af-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasaa Caafootti dabarsee kenne fuula 284’tti kan qindaa’e, yaadota furmaataa dhimmoota bu’uuraa 81 irratti dhiyaataniifi yaadota furmaataa bal’aa 400 kan qabate ta’uun eerameera.
Dabalataanis komishinichi ajandaalee mariiwwan sadarkaa naannolee, bulchiinsota magaalaa, fi dhaabbilee federaalaatti gaggeesse irraa walitti qabaman fi mootummoota naannolee, bulchiinsa magaalotaafi mootummaa federaalaan furamuu qaban naannolee, bulchiinsa magaalotaafi mootummaa federaalaaf dabarsee kenneera.
Komishinarri Olaanaan Komishinii marii biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ar’aayaa gabaasa dhiyeessaniin, adeemsi marii biyyaalessaa kun adeemsa seena qabeessa Itiyoophiyaanotaafi dhalattoota Itiyoophiyaa biyya keessaafi ala jiraatan kan hirmaachise ta’uu ibsaniiru.
Qaamolee milkaa’ina adeemsichaaf qooda isaanii bahatan hunda galateeffataniiru.
Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasaa Caafoo gamasaaniin, naannoleefi bulchiinsi maggaalotaa ajandaalee komishinichi dabarsee kenne irratti haalaan karoorsuun akka irratti hojjetan hubachiisaniiru.
Yaadni furmaataa mana marichaaf dhiyaates qaama raawwachiistuun xiyyeeffannoon hojiirra akka ooluuf hordoffii barbaachisaan ni taasifama jedhan.
Komishinarootaa fi ogeeyyii Komishinicha hogganuun milkaa’ina kanarraan gahaniif obbo Taaggasaa Caafoon beekamtii kennuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa