Finfinnee,Waxabajjii 16, 2018 (FMC) – Koollejjoonni poolii Teeknikaa Burqaa Teeknooloojii fi Ogummaa ta’aa jiru Biiroon Carraa Hojii Uumuu Oromiyaa.
Koollejjiin Poolii Teeknikaa Atileeti Qananiisaa Baqqalaa Sagantaa kenna beekkamtii Kilaastera isaa gaggeesseera.
Dorgommiin kalaqa Ogummaa fi Teeknooloojii bara kana sadarkaa naannotti gaggeeffamaa ture Ogummaa fi Teeknooloojii hedduun irraa argameera jedhan Itti Aanaa Hoogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa Obbo Nasraddiin Qaadiin saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin.
Koollejjonnii Poolii teeknikaa maddaa Teeknooloojii fi Ogummaa taa’aa jiraachuu kaasan.
Diiniin Koolleejjii Poolii Teeknikaa Atileet Qananiisaa Baqqalaa Obbo Kamaal Gammadoon gama isaaniin, Koolleejjiin isaanii akka Naannoo Oromiyatti kilaastera ta’ee dorgommii qopheessan carraa Cee’umsa teeknolojii guddaa uumuu himan.
Abdallaa Amaantu gabaase.
#Oromia #Ethiopia