Lammiileen Itiyoophiyaa Sa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 1 fi 701 gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Fulbaana 25, 2019 (FMC) – Lammiileen Itiyoophiyaa Sa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 1 fi 701 gara biyyaa deebi’aniiru.
 
Lammiilee balallii marsaa 9 gara biyyaa deebi’an keessaa 26 daa’imman yoo ta’an 32 ammoo guddattoota umriin isaanii waggaa 18 gadiiti.
 
Lammiilee kanneeniif buufata xiyyaaraafi giddugaloota tursiisaatti deeggarsaafi kunuunsi taasifamuufiin hojiin maatii isaanii waliin walitti fiduu hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
 
Fulbaana 5, 2018 irraa eegalee hojii lammiilee haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaatti deebisuuf hojjetameen hanga ammaatti lammiileen kumni 100 fi kumni 5 ol gara biyyaa deebi’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.
 
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa

 

Comments (0)
Add Comment