Finfinnee, Onkoloolessa 9, 2019 (FMC) – Lammiileen Itiyoophiyaa Sa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa irra turan kumni 1 fi 447 gara biyyaatti deebifamaniiru.
Lammiilee deebi’an keessaa dhiironni 1,139, dubartoonni 261 fi daa’imman 47 ta’uun ibsameera.
Deebi’oota kana keessaa 47 umuriin isaanii waggaa 18 gadi kan ta’an dargaggoota ta’uu ibsameera.
Lammiilee gara biyya isaaniitti deebi’aniif buufata xiyyaaraa fi wiirtuuwwan turtii keessatti deeggarsi barbaachisu kennamaafii jiraachuu Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksiseera.
Kana malees, lammiilee deebi’an maatii isaanii waliin walitti makuuf hojiiwwan barbaachisan hojjetamaa jiraachuun ibsameera.
#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #Mul’ataGuddaa