Jiruufi jireenya jiraattotaa fooyyessuuf cichoominaan hojjechaa jirra- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Onkoloolessa 8, 2019 (FMC)- Jiruufi jireenya jiraattota Magaalichaa fooyyessuuf cichoominaan hojjechaa jirra jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Kantiibaa Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasumama isaaniin ergaa dabarsaniin, Har’a Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qallittiitti ijaaramee kan xumurame gamoo mana jireenyaa tola ooltummaa lammiilee harka qalleeyyii fi kanneenbiyya kanaaf gumaacha taasisaniif gammachuun dabarsineerra jedhan.
.
Aadde Adaanech Kanaan dura haala jireenyaaf mijataa hin taane keessa lammiileen keenya jiraachaa turan har’a mana jireenyaa mijataa bu’uuraaleen misoomaa guutamaniif argachuun dhiibbaan jireenyaa irra ture hir’achuufi himan.

Qalbiin isaaniis gammachuu fi abdiin guutamuu kaasan.

Misooma manneenii jechuun gamoo ijaaruu qofa osoo hin taane, kabaja lammiilee eegsisuu, qulqullina jireenyaa fooyyessuu fi boru fooyya’aa ta’e ijaaruu ta’uu eeraniiru.

Fedhii mana jireenyaa magaalaa keenyaa furuu fi jiraattotaaf jireenya nageenyi isaa eegame, mijataa fi kabaja qabu uumuuf carraaqqii fi tattaaffii keenya caalaatti cimsinee itti fufnaas jedhan.

Kanaan dura mana dhiphoo fi jireenyaaf mijataa hin taane keessa kan jiraachaa turtan lammiileen keenya, har’a gara mana keessan haaraatti galuu keessaniif baga gammaddan! Manni haaraan keessan mana gammachuu, nagayaa, kabajaa fi abdii isiniif haa ta’u jechuun hawwii isaanii ibsaniiru.

Kantiibaa Adaanech qaamoolee hojii tola ooltummaa kanarratti hirmaatan hunda galateeffataniiru.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment