Ulaa Galaanaa: Mul’ata Naannawicha Giddugala Badhaadhinaatti Jijjiiruu

Finfinnee, Onkoloolessa 8, 2019 (FMC) — Mootummaa Ida’amuu gaaffii haqaa ulaa galaanaa karaa nagaa, marii dippilomaasii, bu’uura seeraa fi qajeeltoo faayidaa waloo irratti hundaa’een dhugoomsuuf ejjennoon qabu akka addunyaattimfudhatama bal’aa fi tumsa hunda-galeessa argachaa jira.

Ejjennoon kun tattaaffii dippilomaasii keessatti cimee itti fufaa kan jiru yoo ta’u, dhimma ulaa galaanaa Itiyoophiyaa ilaalchisee gaaffiin dhiyaatu ulaagaalee kamiinuu yoo ilaalame bu’uura jiraachuu biyyaafi ummataa irratti kan hundaa’e dha.

Biyyoota Afrikaa keessaa dinagdeen ishee saffisaan guddachaa kan jiru itiyoophiyaan, dalldalli ishee al-ergii fi galii, akkasumas fedhiin meeshaalee tarsiimawoo dabalaa waan dhufeef ulaan galaanaa dhimma dinagdee qofa osoo hin taane gaaffii birmaddummaa biyyaas ta’eera.

Waggoota jijjiiramaa darban keessatti gaaffii haqa qabeessi ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhugaa ji’oopoolitikaa guyyaa guyyaa waliin walqabatee mirkanaa’aa dhufeera.

Ulaan galaanaa dhaqqabamaa ta’uun waljijjiirraa daldalaa naannichaa, walitti hidhamiinsa loojistikii, yaa’iinsa invastimantii fi caasaa nageenyaa waloo keessatti gahee murteessaa qaba.

Gaaffileen tarsiimawoo Itiyoophiyaan kaastu beekamtii dippilomaasii argachuu bira darbee, tumsa qabatamaa fi waaraa hojii irra ooluu danda’u uumuuf bu’uura amanamaa kaa’aa jiru.

Milkaa’inni dippilomaasii kun walitti hidhamiinsa siyaasaa fi dinagdee qofaan kan daangeffame osoo hin taane, injifannoo seena qabeessa dhiibbaa fi sagalee Itiyoophiyaan dhimma idil-addunyaa irratti qabdu mirkaneesse dha.

Kunis dandeettii Itiyoophiyaan Ida’amuu irraa argattu waliin ilaalamuu qaba.

Gumaachi yeroo ammaa Itiyoophiyaan ce’umsa teeknooloojii, yaa’iinsa daldalaa fi invastimantii, dippilomaasii jijjiirama qilleensaa akkasumas adeemsa ijaarsa nageenyaa naannichaa keessatti taasiftu fakkeenyummaa isaatiin beekamtii idil-addunyaa argateera.

Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuunis isheef qofa osoo hin taane, guddina naannichaatiifis gahee olaanaa akka qabaatu ni amanama.

Jijjiirama ariifataa madaallii humnootaa keessatti mul’achaa jiru keessatti, ulaa galaanaa argachuun nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuu bira darbee, faayidaa ofii eeggatanii dhaabbachuu kan dandeessisu ta’uun isaas kanaafi.

Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa gaaffii birmaddummaa biyyoota biroo tuqu osoo hin taane, walitti hidhamiinsa daldalaa waloo cimsuun naannoo Baha Afrikaa giddugala nageenyaa fi badhaadhinaa taasisuuf mul’ata qabamee dha.

Yeroon Mul’anni kun itti dhugoomee dooniiwwan Itiyoophiyaa buufata galaanaa Itiyoophiyaa irratti qabeenya ishee buusan arguu fagoo hin ta’u. Sababni isaas dhugaan, haqni fi seenaan Itiyoophiyaa cina dhaabbachuun ragaa ba’u waan ta’eef.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #Mul’ataGuddicha

Comments (0)
Add Comment