Yuuniivarsiitichi raayyaa naamusa gonfate horachuu cimsee itti fufa- Obbo Mahaammad Idiriis

Finfinnee, Onkoloolessa 7, 2019(FMC)- Yuuniivarsiitiin Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa raayyaa naamusa gonfate horachuu cimsee itti fufa jedhan Ministirri Raayyaa Ittisaa Obbo Mahaammad Idiriis.
 
Pireezidaantiin Yuuniivarsiitichaa Birgaader Jeneraal Kabbadaa Raggaasaa hojiilee riifoormii yuuniivarsiitichaan bu’aalee qulqullina leenjiifi barnootaa, qorannoo, kalaqa teeknooloojiifi walitti hidhamiinsa idil-addunyaan argaman irratti ibsa kennaniiru.
 
Obbo Mahaammad Idiriis, raawwiin hojii daawwatan yuuniivarsiitichi dhaabbata barnootaarra darbee raayyaa ittisaaf humna namaa gahumsa qabu kan oomishu, bu’aalee qorannoo gara hojii qabatamaatti hiikuufi dandeettii teeknooloojii raayyaa ittisaa biyya keessaa guddisuuf kan hojjetu dhaabbata tarsiimawaa ta’uusaa akka mirkaneesseef ibsaniiru.
 
Milkaa’inni dhaabbata raayyaa ittisaa kan madaalamu barattoota eebbifamaniifi qorannoowwan hojjetamaniin qofa osoo hin taane, bu’aaleen kunneen raawwii ergamaa raayyichaa fi dandeettii raayya ittisaaf qooda bahataniin ta’uu eeraniiru.
 
Leenjiiwwan ijaarsa dandeettii, akkasumas qooda yuuniivarsiitichi qonna, qindeessa nyaata beelladaa fi misooma biqiltuu keessatti bahate dinqisiifachuun, hojiileen dandeettii galii keessoo isaa guddisan cimanii akka itti fufan ibsuusaanii ragaan Miidiyaa Oonlaayinii Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.
 
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa
Comments (0)
Add Comment