Finfinnee, Waxabajjii 17, 2018 (FMC) – Dippilomaasii lammiilee irratti xiyyeeffate mootummaan hordofuun, lammiileen Sa’udii Arabiyaa keessatti adeemsi murtii isaanii addaan citee dhiifamni godhameef gara biyyaatti deebi’uu jalqabaniiru.
Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee akka jedhanitti; qajeelfama dippilomaasii lammiilee irratti xiyyeeffate bu’uureffachuun, lammiilee biyyoota alaa keessatti rakkoo irra jiran gara biyyaatti deebisuuf hojjetamaa jira.
Misiyoonii RDFI Sa’udii Riyaad jiru fi Waajjira Qoonsilaa Jiddaa jiru qindeessuun yaalii dippilomaasii taasifameen, lammiilee kuma 1 fi 665 hidhamanii turan adeemsi murtii isaanii addaan citee dhiifamni akka godhamuuf taasifamuun ni yaadatama.
Mootummaan hojii lammiilee dhiifamni godhameef gara biyyaatti deebisuu har’a ifatti jalqabuu isaa ibsuun; warra dhiifamni taasisameef keessaa 340 har’a gara biyya isaaniitti deebi’aniiru jedhaniiru.
Mootummaan lammiilee biyyoota alaa keessatti rakkoo keessa jiran baraaruuf xiyyeeffannoodhaan hojjechaa akka jirus eeraniiru.
Bu’aan amma argame kun bu’aa hordoffii dippilomaasii walitti fufiinsa qabu kan waggoottan lamaan darban fi isaa ol taasifamaa tureeti jedhan.
Lammiilee gara biyyaatti deebi’an keessaa irra caalaan isaanii dargaggoota biyya isaanii keessatti hojjetanii jijjiiramuu danda’an ta’uus eeraniiru.
Biyya ambaa keessatti hidhaa fi gidiraaf kan saaxilaman odeeffannoo dogoggoraa fi sababa adda addaatiin karaa seeraan alaa filachuu isaaniitiin ta’uu ibsuu isaanii TOIn gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia