Maallaqa yakka daddabarsa seeraan alaan samamuuf ture Birrii biiliyoona 48 baraaruun danda’ame

Finfinnee, Ebla 23, 2018 (FMC) – Maallaqa yakka daddabarsa seeraan alaa fi waliin dhahuun samamuuf ture Birrii biiliyoona 48 baraaruun danda’ame jedhe Tajaajilli Nageenya Faayinaansii.

Hojmaata dhaabbilee Faayinaansii ammayyeessuun yakki waliin dhahuu maallaqaa akka hin raawwatamne xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira jedhan Daayrekterri tajaajilichaa obbo MuluqanAmaareen.

Namoota dhuunfaa yakka waliin dhahuu fi daddabarsa maallaqaa seeraan alaan shakkamanii to’annoo jala oolanirratti qorannoon addaa gaggeeffamaa jiraachuu ibsan.

Yakka damichaan raawwatamu hordofuun deebiin hatattamaa kennamaa jiraachuus kaasan.

Baatiwwan salgan darban keessa qofa sosochii seeraan alaa to’achuuf hojii hojjetameen Birrii biiliyoona 48 ol baraaruun danda’amuu dubbatan.

Dabalataan lakkoofsi herreega Baankii kumni 2 fi 340 kan namoota dhuunfaa yakkichaan shakkaman 400 ta’anii dhorkamuu ibsan.

TaariIK Addunyaatiin

#Oromia #Ethiopia#

Comments (0)
Add Comment