Finfinnee, Ebla 13, 2018 (FMC) – Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa maamiltoonni baankii hundaa lakkoofsa herregaa isaanii hanga Caamsaa 6, 2018’tti ‘Faayidaa’ waliin akka walitti hidhan hubachiise.
Baankichi qaawwaa mirkaneessa eenyummaa dhaabbilee faayinaansii keessatti mul’atu guutuuf eenyummeessaa diijitaalaa ‘Faayidaa’ akka mallattoo eenyummeessaatti fayyadamuu eegaluu beeksiseera.
Hojiin lakkoofsa herrega baankii buleeyyii Faayidaa waliin walqabsiisuu guutuu biyyattiitti Mudde 15, 2018 irraa eegalee hojjetamaa akka ture yaadachiiseera.
Hojiin walitti hidhuu fedhii irratti hundaa’ee hanga Bitootessa 30, 2018 hirmaannaa olaanaan hojjetamus baay’ina abbootii lakkoofsa herrega baankiin yoo walbira qabamu garuu raawwiin isaa gadi aanaa ta’uu ibseera.
Maamiltoonni hanga Caamsaa 6, 2018’tti lakkoofsa herrega baankii isaanii Faayidaa waliin akka walitti hidhan hubachiiseera.
Yeroo jedhame keessatti maamiltoonni baankii magaalota Finfinnee, Shaggar, Jimmaa, Adaamaa, Shaashamannee, Bishooftuu, Baatuu, Amboo, Harar, Dirre Dhawaa, Baahir Daar, Goondar, Dasee, Dabra Birhaan, Kombolchaa, Hawaasaa, Aarbaa Minci, Walaayittaa Sooddoo, Hoosaa’inaa, Walqixxee, Maqalee, Aksuum, Addigiraat, Gaambeellaafi Asoosaa keessatti argaman lakkoofsa herrega baankii isaanii Faayidaa waliin walitti hidhuu qabu jedhe.
Maamiltoonni kutaalee biyyattii hafan keessatti argaman ammoo hanga Waxabajjii 30, 2018’tti xumuruu akka qaban yaadachiiseera.
Maamiltoonni yeroo jedhametti lakkoofsa herrega baankii isaanii Faayidaa waliin walitti hin hiine herregni isaanii baasiifi galchii maallaqaa kan dhorkamu ta’uu ibsuun, dhorkiin kun kan ka’u lakkoofsi herrega baankii isaanii Faayidaa waliin wayita walitti hidhamu ta’uu eereera.
Hubachiisni kun hawaasa dippiloomaasiifi jiraattota biyya alaa jiraatan kan hin ilaallanne ta’uu ibsuun, abbootiin lakkoofsa herrega baankii biyya alaa jiran ragaalee barbaachisoo baankiif dhiyeessuun fi mirkaneessuun murtoo kanarraa bilisa ta’uun akka danda’amu beeksiseera.
#Oromia #Ethiopia