Magaalaa Finfinneetti ayyaanaaf beelladoota kuma 4 oliif tajaajila qalmaa kennuuf qophiin xumurame

Finfinnee, Qaammee 2, 2018 (FMC) — Magaalaa Finfinneetti ayyaana bara haaraa dhufuuf beeyiladoota 4,500 oliif tajaajila qalmaa kennuuf qophiin xumurameera jedhe Dhaabbanni Qeeraa Magaalaa Finfinnee.

Hoogganaan Olaanaa Dhaabbatichaa Komiishinar Ahimad Mahaammad, ayyaana bara haaraa dhufuuf tajaajila qalmaa beeyiladoota kuma 4 fi 500 oliif kennuuf qophiin waliigalaa xumuramuu ibsaniiru.
Ayyaana bara haaraa kanaaf sangoota kuma 3 ol, akkasumas hoolotaa fi re’oota kuma 1 fi 500 oliif tajaajla qalmaa kennuuf karoorfamuu himaniiru.

Haaluma kanaan, jiraataan magaalichaa kamiyyuu hoolaa fi re’ee qarshii 300, sangaa immoo qarshii 2,100 kaffaluun tajaajila qalmaa qeeraa argachuu akka danda’u eeraniiru.

Lammiileen foon bitachuuf mana foonii yeroo dhaqan, foonichi Dhaabbata Qeeraa Magaalaa Finfinneetti kan qalame ta’uu fi chaappaan mirkaneessaa foonicha irratti argamuu isaa mirkaneeffachuu akka qaban dhaabbatichi Faanaa Dijitaalaaf ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment