Mala Jireenyaa Kabaja Jireenya Dhala Namaa Eegu Uumuun Cimee Itti Fufa — Adaanech Abeebee

Finfinnee, Onkoloolessa 22, 2019 (FMC) — Finfinneen wiirtuu dippiloomaasii ta’uu irraa kan ka’e, naannolee dullooman misoomsuun mala jireenyaa kabaja jireenya dhala namaa eeguufi sadarkaa idil-addunyaatti dorgomuu danda’u uumuuf hojjechuun cimee kan itti fufu ta’uu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan.

Har’a Bulchiinsa Kutaa Magaalaa Booleetti, Qe’een Qindaa’aa Jiraattota Boolee Shubuu Eejersaa ijaarame jiraattota misoomaan kaafamaniif dabarfamaniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka jedhanitti, Itiyoophiyaan waltajjii idil-addunyaa irratti maqaan ishee ol ka’ee badhaasa akka argattuuf deeggarsi fi gumaachi gaariin ummataa shoora olaanaa qaba.

Yeroo naannicha irratti Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolchee ijaaruuf karoorfamutti, jiraattonni naannichaa “Biyyaaf barbaachisaa yoo ta’e ni hayyamna” jechuun tumsa gaarii agarsiisuu isaanii kaasuun, tumsa kanaafis galateeffataniiru.

Aadde Adaanech kanaan dura jiraattota Kaazaanchisii fi Piyaassaa irraa misoomaan kaafamaniif manneen jireenyaa qofa osoo hin taane, iddoon hojii isaanii illee tilmaama keessa galuun ijaarsi geggeeffamuu yaadachiisaniiru.

Itiyoophiyaan sadarkaa idil-addunyaatti badhaasa akka argattu kan taasisees, mala misoomaa namooma giddugaleessa godhateefi hariiroo hawaasummaa hin bittinneessine ta’uu ibsaniiru.

Finfinneen wiirtuu dippiloomaasii ta’uu irraa kan ka’e, naannolee dullooman misoomsuun mala jireenyaa kabaja jireenya dhala namaa eeguufi sadarkaa idil-addunyaatti dorgomuu danda’u uumuuf hojjetamu cimee akka itti fufu hubachiisaniiru.

Qe’een Qindaa’aan Jiraattotaa Shubuu Eejersaa har’a jiraattota misoomaan kaafamaniif dabarfame, caasaalee haaraa madda galii jiraattotaa guddisuufi bu’uuraalee misoomaa ammayyaa fayyadamuun jireenya isaanii itti fufsiisuuf 1dandeessisan kan of keessaa qabu ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis, mana horsiisa loonii ammayyaa, manneen daldalaa, kuusaa midhaanii, mana daakuu, bakka kunuunsa daa’immaniifi iddoowwan ispoortii itti shaakalan kan of keessatti hammate ta’uu kaasuun, kunis naannicha jireenyaaf mijataa akka taasisu ibsaniiru.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #Mul’ataGuddaa

Beetaliheem Girmaatiin

Comments (0)
Add Comment