Manneen Amantaa Kiristaanaa Laalibalaa Hambaalee UNESCO Shanan Daawwattoota Gurguddoo Addunyaatiin Filataman Keessatti Hammataman

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2018 (FMC) – Manneen Amantaa Kiristaanaa Laalibalaa Hambaalee Yuuneskoo (UNESCO) gurguddoo shanan daawwattoota gurguddoo addunyaatiin filataman keessatti hammatamaniiru.

Imaltoonni gurguddoon addunyaa naanna’uudhaan maqaa kabajamaa fi beekamaa “UN Grandmaster” jedhamu argatan, madaallii iddoowwan daawwannaa baay’ee jaallataman jedhan ifoomsaniiru.

Akkaataa qorannoo ‘Euronews’ ifoomsetiin, imaltoonni gurguddoon hambaalee addunyaa Yuuneskoo baay’ee jaallataman jedhanii kaa’an keessaa manneen Amantaa kiristaanaa Laalibalaa filmaatawwan gurguddoo shanan jalqabaa keessatti hammatanii jiru.

Ragaan sadarkaa addunyaatti kenname kun Itiyoophiyaan seenaa dinqisiisaa fi qaroomina durii ajaa’ibsiisaa qabaachuu ishee irra deebiin kan mirkaneesseedha jedheera, Ministeerri Tuurizimii.

Imaltoonni kunniin iddoowwan seenaa beekamoo akka Ankor Waat fi Dallaa Guddicha Chaayinaa (Great Wall of China) biratti waa’ee gadi fageenya ogummaa dinqisiisaa fi ulfina hafuuraa Lalibalaa ragaa ba’uun isaanii daawwattoota addunyaatiif iddoo daawwannaa dursi kennamuufii qabu ta’uu eereera.

Beekamtii idil-addunyaa kana caalaatti guddisuuf, Manneen Amantaa Kiristaanaa Laalibalaa balaawwan uumamaa fi namtolchee irraa eeguu fi kunuunsuudhaan, dhalootaaf dabarsuuf qajeelfama misooma qabeenyaa itti fufiinsa qabu fi eegumsaa irratti hundaa’uun xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jiraachuu ministeerichi ibseera.

Iddoowwan daawwannaa tuuristootaaf mijataa fi nageenyi isaanii eegame gochuudhaan, gumaacha waliigalaa dameen tuurizimii dinagdee biyyaatiif qabu guddisuuf, hojiiwwan eegumsa qabeenyaa bu’uraalee misoomaa ammayyaa waliin qindeessuudhaan hojjetamaa jiraachuunis ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment