Marichi Itiyoophiyaa tokkummaa cimaa qabdu dhalootatti dabarsuuf carraa gaariidha- Mari’attoota

Finfinnee, Hagayya 5, 2018 (FMC) – Marichi Itiyoophiyaa tokkummaa cimaa qabdu dhalootatti dabarsuuf carraa gaariidha jedhan mari’attoonni Yaa’ii Marii Biyyaalessaa.

Yaa’icharratti hirmaachaa kan jiran Abbaa Gadaa Lammeechaa Lammaa, marii gaggeeffamaa jiru irratti yaadonni garaagaraa bilisaan dhiyaachaa fi gadi fageenyaan irratti mari’atamaa akka jiru ibsaniiru.

Marii kana keessatti hirmaataan hundi yaada isaa bilisaan dhiyeessaa jiraachuu eeruun, kunis rakkoolee Itiyoophiyaa keessa yeroo dheeraa turan sadarkaa sadarkaan furuuf kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru.

Akkasumas, mariin biyyaalessaa waliigaltee uumuun Itiyoophiyaa tokkummaa cimaa qabdu dhaloota dhufuuf dabarsuuf carraa gaarii ta’uu ibsaniiru.

Hirmaataan biraa Obbo Baayyee Baree, marichi qaamolee hawaasaa hunda kan hirmaachisu, akkasumas garaagarummaa fi heddummina yaadaa kan calaqqisiisu ta’uu eeraniiru.

Marii kana irratti yaadonni Itiyoophiyaa gara sadarkaa fooyya’aatti ceesisuu danda’an dhiyaachaa jiraachuu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

Adeemsi marichaa kutaalee hawaasaa hunda kan hirmaachese ta’uu kan ibsan ammoo Dooktar Alamuu Ashaagreedha.

Mariin biyyaalessaa rakkoolee mariin furuuf aadaa haaraa uumaa jiraachuu kaasanii, adeemsi kun rakkoo har’aa qofa osoo hin taane, dhaloota egereef Itiyoophiyaa fooyyoftuu ijaaruu keessatti gumaacha guddaa qaba jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment