Marii Biyyaalessaa: Daandii Waloo, Kennaa Dhaloota Dhufuu…

Finfinnee, Fulbaana 24, 2019 (FMC) – Biyyi sarara daangaa qofaan kan marfamtu, bal’ina lafaa yookaan mallattoo kaartaa irratti kaa’amtu qofa miti.

Biyyi qaama jiraataa jireenya waloo , waldeeggarsa, seenaa waloo fi waadaa uummatoonni gara fuula duraatti waliin jiraachuuf qaban irratti buuureffamee dhaabbatu dha.

Ilmi namaa seenaa irraa akkuma hubatetti, uummanni waliigaltee hinqabnee fi giddu gala waloo dhabe diina alaaf saaxilamaa, keessoo isaanis diigamuuf dhiyoo dha.

Hayyuun falaasamaa siyaasaa beekamaa Ingilizii Toomaas Hoobsi, namoonni waliigaltee waloo fi sirna seeraa diriirsuu keessa utuu hin galin yoo jiraatan, jireenyi “kophaa, hiyyeeyyeessa, nuffisiisaa fi gabaabaa” ta’a jedha.

Biyyi kan jabaattu uummanni walabummaan waliin mari’atanii, garaagarummaa walii kabajanii, mirgaa fi dirqama waloo isaanii irratti waliigaltee irra yoo ga’an qofa ta’uu ibsa.

Itiyoophiyaa fi uummattoonni ishee guddina, bilisummaa fi qaroomina seena qabeessa akka qaban seenaa ragaa baha.

Haa ta’u malee, nagaa waaraa fi mul’ata walooguddina kan madaalu ijaaruu dhabuun, waggoonni hedduun darban biyyattii walitti bu’iinsa irra deddeebi’aa, wal dhabdee siyaasaa fi shakkii hidda gadi fageeffate keessa galchaniiru.

Hayyuun siyaasaa Ameerikaa Firaansiis Fukuyamaa, kitaaba isaa “Political Order and Political Decay” jedhu keessatti akka ibsutti, biyyi dhaabbilee cimaa fi eenyummaa biyyaalessaa waloo hin qabne, seenaa dheeraa yoo qabaatte illee kufaatiif saaxilamuu dha.

Adeemsi Marii Biyyaalessaa waggoota afran darbaniif Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamaa ture, caccabinsa seenaa kana suphuuf tattaaffii guddaa taasifameedha.

Itiyoophiyaanonni gaaddisa tokko jala ta’aanii, rakkoolee isaanii irratti ifatti mari’achuun , rakkoo sana bu’uura irraa hubachuu fi furmaata waaraa kaa’uuf karaa jalqabaa fi furmaata ijoo waan ta’eefi.

Komishiniin Maree Biyyaalessaa qabxiilee ajandaa fi yaada furmaataa marii irraa argaman kaleessa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti, akkasumas mootummaa federaalaa fi mootummoota naannoleef ifatti dabarseera.

Kunis boqonnaa seenaa guddaa, boqonnaa yaadaa irra darbee gara hojii fi murtiiitti ce’uuf saaqamee boqonnaa seenaa guddaadha.

Sanadni kun kuufama waraqaa qofa miti; irra caalaa, mirkaneessa hammattummaa, karaa tasgabaa’een daandiinwaloo tartiibaan kaa’e fi kennaa dhaloota itti aanuuti.

Desmondi Tuuttuu, kan Komishinii Dhugaa fi Araaraa Afrikaa Kibbaa qindeessaa turan, kitaaba isaanii “No Future Without Forgiveness” jedhu keessatti, seenaa fi madaa darbe irratti ifatti mari’achuu fi fuuldura dhaabbachuun yoo hin danda’amne, seenaan darbe yeroo fuuldura jiru ni nyaata jechuun ibsu.

Itiyoophiyaanis adeemsa maree gaggeessite keessatti ogummaa madaa darbe mariin fayyisuun gara fuulduraatti tarkaanfachuu agarsiisteetti.

Amma dabarsi sanadichaa geggeeffame kun, adeemsi Marii Biyyaalessaa bu’aa argamsiisuu jalqabuu isaa kan labsuudha. Kana booda olka’iinsa Itiyoophiyaa malee kufaatii ishee kan fidu jiraachuu hin danda’u .

Kun jechuunis, waliigalteen uummattoota gidduutti uumamee fi fedhiin ida’amuu akkasumas walii dhaggeeffachuun mul’ate, bu’uurri amansiisaa kaa’amuu isaa kan agarsiisuudha.

Biyyi kan dhaabbattu hawaasa waliigaleen.

Imalli nagaa, marii fi waliigalteen jalqabame gara hojii qabatamaatti hiikamee, Itiyoophiyaa fi uummata isheef bakka guddinaa isaaniif malu akka mirkaneessu danda’a jedhamee guutummaatti amanameera.

Taarikuu Laggasaatiin

#BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment