Finfinnee, Hagayya 5, 2018 (FMC) – Caasaa fi ijaarsa mootummaa, sirna siyaasaa, bakka bu’ummaa siyaasaa fi sirna filannoo, akkasumas dhimma malaammaltummaa fi bulchiinsa gaarii irratti mari’attoonni yaada dhiyeessan irratti waliigaltee irra ga’aniiru.
Yaa’ii Marii Biyyaalessaa keessatti, akkaataa qajeelfama hojii Komishinichaa hordofuun, gareewwan saddeet tokkoon tokkoon isaanii miseensa 500 qaban hundaa’aniiru.
Gareewwan kunneen tokkoon tokkoon isaanii ajandaa tokko irratti hundaa’uun, Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee Finfinneetti marii gaggeessaa jiru.
Haaluma kanaan, caasaa fi ijaarsa mootummaa, sirna siyaasaa, bakka bu’ummaa siyaasaa fi sirna filannoo, akkasumas ajandaa malaammaltummaa fi bulchiinsa gaarii irratti mari’aa kan turan gareewwan lama, yaadawwan irratti mari;atan irratti waliigaltee irra ga’uun, galmee yaa’ii irratti mallatteessaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, gareewwan lama kanneen duraan dhimma amantii fi ijaarsa nageenyaa irratti mari’aa turan, yaada marichaa irratti waliigaltee irra ga’uun, galmee yaa’ii qophaa’e irratti mallatteessuu isaanii Komishinichi beeksiseera.
Mari’attoonni ajandaawwan hafanillee guyyoota itti aanan keessatti haala walfakkaatuun yaada ajandaa isaanii irratti waliigaltee irra ga’uun, galmeewwan yaa’ii isaanii irratti akka mallatteessan eegama.
#Oromia #Ethiopia