Mariin biyyaalessaa rakkoolee Itiyoophiyaa irratti furmaata Itiyoophiyaanotaa kan qopheessu dha – Hirmaattota marichaa

Finfinnee, Hagayya 3, 2018 (FMC) – Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa rakkoolee biyyattii yeroo dheeraaf turaniif furmaata waaraa kan ta’e, furmaata Itiyoophiyaanotaa qopheessuuf carraa kan kenne waltajjii seena qabeessa ta’uu hirmaattonni mariichaa ibsan.

Waltajjiin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa inni guddaan, Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee, Giddugala Konveenshinii Idil-Addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jira.

Bakka bu’oonni uummataa Itiyoophiyaa bakka bu’an kuma 4 ta’anis, dhimmoota ajandaa biyyaalessaa ijoo 8 irratti waliigaltee waliinii uumuuf marii gadi fagoo fi hirmaachisaa ta’e gaggeessaa jiru.

Hirmaattonni mariichaa akka jedhanitti, mariiwwan gadi fagoo haala iftoomina qabuun gaggeeffaman, adeemsa Itiyoophiyaan gara dimokiraasiitti deemaa jirtuuf akkasumas ijaarsa mootummaa cimaaf bu’uura kan kaa’anii dha.

Hirmaattonni akka jedhanitti, mariin biyyaalessaa kun waliigaltee waloo2 cimsuu fi garaagarummaa mariidhaan furuuf carraa guddaa uumeera.

Hirmaattota mariichaa keessaa Abbaan Gadaa Tashoomaa Baqqalaa akka ibsanitti, mariin biyyaalessaa kun Itiyoophiyaa gara boqonnaa fooyya’aa ta’etti ceesisuu fi walitti dhufeenya jiraattota biyyattii gidduu jiru cimsuuf kan gargaaru dha.

Keessumaa, mariin kun dhaloota dhufuuf Itiyoophiyaa fooyyofte dabarsuuf carraa kan uumu ta’uu fi kunis tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf gahee olaanaa akka qabu kaasaniiru.

“Gaaddisa Itiyoophiyaanummaa jalatti walitti qabamnee kan mari’anne waan ta’eef, yaadawwan garaagaraa kabajaa fi wal dhaggeeffachuu irratti hundaa’uun keessummeeffamu jedhaniiru.

Kun seenaa keenya keessatti duraan kan hin beekamnefi kan ture ta’us, yeroo keenya keessatti biyya keenyaaf furmaata waaraa fiduuf akka gargaaru abdii guddaa akka qaban ibsaniiru.

Hirmaattuun kan biraa, Nifaanet Sisaay, gama isaaniitiin, waltajjii marii baay’ee hirmaachisaa ta’e kana irratti hirmaattonni marii hundi dammaqinaan hirmaachaa jirra jedhaniiru.

Garaagarummaan yaadaa uumamaan kan jiraatu ta’uu kaasuun, wal-dhabbii fi garaagarummaa mariidhaan furuun biyya dhaloota dhufuuf taatu ijaaruuf murteessaa ta’uu EBC’tti himaniiru.

Kanaafuu, adeemsi marii biyyaalessaa yeroo ammaa gaggeeffamaa jiru, nagaa waaraa fi waliin jireenya mirkaneessuuf carraa gaarii ta’uu ibsaniiru.

Hirmaataan marii Dunaamoo Uumogoo gama isaaniin, waltajjiin marii biyyaalessaa dhimmoota nageenyaa fi misooma biyyaarratti mari’achuun biyya fooyya’aa ijaaruuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.

Marii kana irratti rakkoolee Itiyoophiyaa irratti furmaata dhugaa fiduu kan dandeessisan yaadawwan sirrii calaqqisiisuun danda’ameera jedhaniiru.

Hirmaataan kan biraan Tasammaa Laandee, mariin biyyaalessaa kun hunda kan hirmaachise waan ta’eef, biyyattii irratti yaadawwan furmaataa qabatamaa ta’an akka maddisiisu abdii akka qaban ibsaniiru.

Waltajjiin kun bilisummaan yaadaa fi bilisummaan dubbachuun bal’inaan kan itti mul’atu ta’uus eeaniiru.

Comments (0)
Add Comment