Mariin Biyyaalessaa waltajjii Itiyoophiyaanota bakka tokkotti walitti qabuudha – Jiraattota Magaalaa Finfinnee

Finfinnee, Hagayya 5, 2018 (FMC) – Jiraattonni Magaalaa Finfinnee, mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaanota bakka tokkotti walitti kan qabuufi waltajjii furmaataa ta’uu ibsan.

Jiraattonni magaalichaa Faanaa Dijitaaliif yaada kennaniin, mariin biyyaalessaa dhaloota dhufuuf biyya fooyya’aa dabarsuuf carraa murteessaa ta’uu himaniiru.

Jiraataan magaalichaa Girmaa Fiqaduu, mariin biyyaalessaa waltajjii ummata bakka tokkotti walitti qabu ta’uu eeruun, bu’uura nagaa fi misooma waaraa akka ta’u amantaa qaban ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, jiraattonni magaalichaa Biirasaaw Warqee fi Siyyuum Hayilamiikaa’el, mariin biyyaalessaa walitti bu’iinsotaa fi wal-dhabbiiwwan biyyattii keessatti mul’atanuf furmaata waliinii uumuuf kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru.

Yaada kennitoonni kunneen, mariin biyyaalessaa waltajjii guddaa waliigaltee waliinii irra ga’uun hanqinoota jiran ittiin guutamu ta’uu ibsanii, Itiyoophiyaan kabajaa fi ulfina qabduun akka itti fuftuuf mariin kun waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Aadde Asaamanech Zawuduu, jiraattuun Magaalaa Finfinnee, gama isaaniitiin, mariin biyyaalessaa dhaloota dhufuuf biyya obbolummaan keessatti dagaage dabarsuuf waltajjii ta’uu ibsaniiru.

Marii fi waliigaltee hawaasaa cimsuun, biyyattiin birmadummaa ishee jabeessitee akka itti fuftuuf bu’uura kan kaa’u ta’uu dubbataniiru.

Abrahim Abaarraatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment