Mariin rakkoolee walxaxaa karaa nagaa, qaroomee fi waaraan furuuf dandeessise.
Waldhabdee humnaan hiikuuf yaaluu caalaa, marii fi marabbaan furuuf hojjechuun faayidaalee heddu qaba.
Mariin meeshaalee dhalli namaa rakkoolee karaa qaroome, nagaa fi waaraan furuutu keessaa adda dureedha.
Mariin qaama tokko injifataa, kaan ammoo injifatamaa kan taasisu osoo hin taane qaamolee hunda qixa injifannoo goonfachiisa.
Itiyoophiyaanis rakkoolee walxaxaa keessaa bahuun biyya bu’uura cimaa qabdu ijaaruu kan dandeessu, lammiileen ishee garaagartee isaanii meeshaa waraanaan osoo hin taane mariin furachuu yaa danda’an qofa.
Itiyoophiyaa keessa komiin caasaa fi siyaasaa baroota lakkoofse jiru.
Dhimmoota kanneen karaa nagaan furuun biyya bu’uura cimaa qabdu ijaaruuf mariin akkaan murteessadha.
Tattaaffiiwan garaagartee humnaa fi waraanaan furuuf taasifamu bu’aan isaa miidhaa namoomaa fi xinsammu qofa.
Mareen biyyaalessaa hawaasaa keessatti aadaa marii fi waldhaggeeffachuu gabbisuu fi siyaasa hidhannoo tasgabbeessuuf daran barbaachisaadha.
Waliigaltee waloo uumuu fi biyya bu’uura cimaa qabdu ijaaruuf hojiileen Komishiniin Maree Biyyaalessaa eegale murteessodha.
Adeemsa marichaa hanga ammaatiin Aanaalee kuma 1fi 234 keessatti hojiin ajandaa walitti qabuu hojjetameera.
Abbootiin Amantaalee, jaarsoliin biyyaa, dubartoonni, dargaggoonni, hayyoonni, hojjettoonni mootummaa fi dhaabbileen Siiviilii adeemsicha keessatti hirmaataniiru.
Kunis mootummaa cimaa bu’uura ummataa qabu ijaaruuf gargaara.
Hojiin ajandaa yaa’ii biyyaalessaaf dhiyaatu walitti qabuu qaama walaba ta’een hojjetamee xumurameera.
Itiyoophiyaatti waliigaltee biyyaalessaa uumuuf ergama guddaan hojjechaa kan jiru Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Yaa’ii biyyaalessaa guddicha gaggeessuuf hojjechaa jira.
Ajandaan naannoo Oromiyaa, Magaalaa Finfinnee, Dirre Dhawaa, Naannoo Hararii, Gaambeellaa, Giddugaleessa Itiyoophiyaa, Kibba Itiyoophiyaa, Kibba Lixa Itiyoophiyaa fi Sidaamaa milkaa’inaan xumuramuun gurmaa’eera.
Komishinich erga hundaa’ee eegalee hanga ammaatti hojiilee waliigaltee biyyaalessaa uumaan raawwachaa tureera.
Boqonnaa seenaa qabeessa Maree Biyyaalessaa eegaluuf boqonnaa dhumaarra gaheera.
Yaa’ii Seenaa qabeessi kun Adooleessa 8, 2018 eegala.
Marii guyyoota sadiif gaggeeffamu kanarratti bakka buutoonni kutaalee hawaasaa kumni 4 ol ni hirmaatu.
Marii namoonni kumni 4 ol galma tokko keessatti mari’atan kana eegaluuf qophiin xumurameera.
Koottaa Mariin Itiyoophiyaa haa cimsinu! Biyya cimtuu haa ijaarru!
#Oromia #Ethiopia