Finfinnee, Adoolessa 17, 2018(FMC) – Itiyoophiyaan rakkoolee madda waldhabdee fi wal shakkii ta’anii fi barootaaf walirratti daddabalamaa asi ga’an mareedhaan furmaata itti kennuuf Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee Gumiin Maree Biyyaalessaa geggeeffamaa jira.
Hirmaattonni kuma afur ta’anis uummata guutuu biyyattii irraa bakka bu’uun mari’achaa jiru.
Mareen kun milkaa’ee bu’aa barbaadame akka fiduufis qooda fudhattonni tumsaan hojjechaa jiru.
Bu’aalee maree kanarraa eegamu keessaa:
👉 Wal-amantaan mootummaa, paartilee siyaasaa fi uummataa gidduutti ni cima.
👉 Rakkooleen garaagarummaa yaadaa mariidhaan hiikamuuf carraan ni bal’ata.
👉 Nageenyi fi tasgabbiin biyyaa ni dagaaga.
👉 Tokkummaan biyyaalessaa fi waliin jireenyi uummattootaa ni cima.
👉 Misoomni diinagdee fi invastimantiin haala nageenyaan deeggaramu ni guddatu.
👉 Sirni dimokiraasii fi mootummaa seeraa irratti hundaa’e ni jabaata.
Kana milkeessuuf ammoo qooda fudhattoota hunda irraa kan eegamu:
👉 Marii keessatti garaagarummaa yaadaa kabajuun hirmaachuu.
👉 Dhugaa dubbachuu fi fedhii dhuunfaa caalaa faayidaa biyyaalessaa dursuu.
👉 Marii irratti waliigalame hojii irra oolchuuf kutannoo qabaachuu.
👉 Jechoota jibbaa, kaka’umsa walitti bu’iinsaa fi odeeffannoo sobaa irraa of qusachuu.
👉 Mariin mootummaa qofa osoo hin taane dhimma uummata hunda ta’uu hubachuun mootummaa, paartilee siyaasaa, hawaasa sivikii, hayyoota, dhaabbilee amantii, dubartoota fi dargaggoonni gahee isaanii bahuu.
Walumaagalatti, milkaa’inni Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa nageenya waaraa, tokkummaa fi misooma itti fufiinsa qabu ijaaruuf bu’uura cimaa dha.
Kun ammoo hirmaannaa dhugaa, wal kabajuu fi waliigalteen hojii irra oolchuun qofa dhugooma.
Ololawwan sobaa marichi akka hinmilkoofneef miidiyaalee hawaasaan uummata burjaajessuuf afarfamaa jiran dura dhaabbachuunis barbaachisaa dha.
Kanaafis:
👉 Odeeffannoo kamiyyuu utuu hin amaniin dura madda isaa mirkaneessuu.
👉 Odeeffannoo sobaa ta’uu malu osoo hin qulqulleessin daddabarsuu irraa of qusachuu.
👉 Odeeffannoo sirrii maddoota amanamoo irraa argamu hordofuu.
👉 Garaagarummaa yaadaa arrabsoo fi jibbaan osoo hin taane marii kabajaa irratti hundaa’een ibsachuu.
👉 Namoota yaada dogoggoraa qaban ragaa fi ibsa tasgabbaa’aa ta’een hubachiisuuf yaaluu.
👉 Walumaagalatti, olola sobaa qolachuuf mala gaariin dhugaa irratti hundaa’uun odeeffannoo mirkaneessuu, yaada of eeggannoodhaan qooduun fi marii nagaa deeggaruudha.
Kunis marichi haala amansiisaa fi bu’a qabeessa ta’een akka adeemuuf gargaara.