Ministeerichi Doqdoqqeewwan 232 Naannoleef Dabarse kenne

Finfinnee, Hagayya 6, 2018 (FMC)- Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii pirojekti fooyya’iinsa jireenya naannawaa gammoojjiitiin Doqdoqqeewwan 232 naannolee torbaaf dabarsee kenneera.

Deeggarsi kun naannawa gammoojjii fi horsiise bulaatti aanaalee irraa gara gandootaatti socho’uun hojii hordoffii gaggeessuuf kan gargaaru ta’uun ibsameera.

Pirojektiin Fooyya’iinsa jireenya naannawa gammoojjii marsaa 2ffaa irratti kan argamu yoo ta’u, kanaafis Doolaarri miiliyoonni 400 ol akka ramadameef eerameera.

Pirojektiin kun yeroo ammaa naannolee torbaa fi bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa keessatti hojiirra oolaa akka jiruus ibsameera.

Pirojektichi naannawa gammoojjii fi horsiise bulaatti jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiraa akka jiruus eerameera.

Fiqirtee Kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment