Ministirri Muummeen Dooktar Abiy Ahimad Gamtaa Afrikaatti Dursaa Damee Hubannoo Namtolcheefi Fayyaa Dijiitaalaa ta’anii muudaman

Finfinnee Ebla 15, 2018(FMC) – Ministirri Muummeen Dooktar Abiy Ahimad Gamtaa Afrikaatti dursaa damee Hubannoo Namtolcheefi Fayyaa Dijiitaalaa ta’anii muudamaniiru.

Muudamni kun kan kenname oggansa Dooktar Abiy damee kanaan kennani fi hubannoon namtolcheefi hojiwwan kalaqaa Afirikaatti akka babal’atuuf hojiwwan Itiyoophiyaan hojjechaa jirtuuf beekamtii kennuuf.

Xalayaa muudamaa ergame kessatti ergaan kanatti aanu barreeffameera:

“Kabajamo, tiraansfoormeeshinii dijitaalaa fi tekinooloojiiwwan haaraa babal’isuuf hoggansa kennitaniin, hubannoo namtolcheen walabummaa Afirikaaf, bu’a-qabeessummaa fi guddina hirmaachisummaaf furtuu ta’ee akka tajaajiluuf gargaarsa guddaa gootaniittu.

Walabummaa fi humna tekinooloojii ijaaruuf karaa tarsiimawaa ta’een sosochiin geggeessitan, Ardichi ittigaafatamaa fi haqaan itti fayyadama hubannoo namtolchee irratti sadarkaa idil addunyaatti adda duree akka ta’uuf shoora guddaa qabaata.”

Waggoota muraasa darbanitti, hoggansa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin Itiyoophiyaan dameelee dijiitaalessuu fi hubannoo namtolcheen guddinni galmeessiste raawwii olaanaa kan mul’isee dha.

Bu’uuraalee misooma dijiitaalaa babal’isuun, tajaajilawwan e-mootummaa hojii irra oolchuun, naannoo kalaqaatti maallaqa ramaduun, Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee hundeessuun, akkasumas tarsiimoo hubannoo namtolchee biyyaalessaa wixinuun hojiiwwan jijjiiramichaaf bu’uura cimaa kaa’anii dha.

Dabalataanis, Yuuniivarsiitii hubannoo namtolchee of-danda’e hundeessuuf karoorri karoorfame, qo’annoo, misooma ogummaa fi tumsa ardaawaa caalmaatti akka cimsu ni eegama.

#AIforAfrica
#PMOEthiopia

Comments (0)
Add Comment