👉 “Oromoon ibsituu tokkummaa Itiyoophiyaa ti; Oromoon yoo hin jiraanne, Itiyoophiyaan hin jirtu.”
👉 “Oromoon ijaarsa Itiyoophiyaa keessatti hapheentokkummaa ti.”
👉 “Daangaa Itiyoophiyaa kan sarare, Minilik II jalatti hoogganaa waraanaa kan ture Gobanaa Daaccee ti.”
👉 “Waggoota 50 ykn 60 darban keessatti gaaffileen hedduun ka’aniiru; haa ta’u malee, gaaffileen sun akkaataa yeroon murtaa’u.”
👉 “Yeroo ammaa teeknooloojiin babal’ateera; Hubannaa namtolcheen jira; namni qorannoo fi sakatta’iinsa hedduu ittiin gaggeessuu akka danda’uuf carraawwan jiru.”
👉 “Garuu hogganaa yeroo ammaa jiru, ‘teeknooloojiiwwan kana warri duraanii osoo jalqabsiisanii’ jechuun isaan komachuun sirrii miti; sababni isaas, yeroo sana barnoonni hin babal’anne.”
👉 “Itiyoophiyaan kolonii jala akka hin galle kan gargaare, wareegama kaffalamee dha.”
👉 “Kan bu’aa qabu, wareegama kaffalame xiqqeessuu osoo hin taane, hanqina jiru guutaa deemuu dha.”
👉 “Gabayyoon asi irraa ka’ee Adwaa irratti loluun Itiyoophiyaaf wareegameera.”
👉 “Baalchaan ammoo Alaabaa ishee ol kaaseera.”
👉 “Seenaa Jagaamaa Keelloo, Taaddasaa Birruu, Haayilee Fiidaa fi gootota biroo irraa kan barannu, Oromoon ijaarsa mootummaa Itiyoophiyaa keessatti akka haphee walitti qabsiisuutti, uummata walitti fiduu fi tokkummaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu isaa ti.”
Mihirat Damiseetiin
#Oromia #Ethiopia