Lammiileen Itiyoophiyaa hedduun, keessattuu jiraattoonni magaalaa dhimma mana jireenyaa akka rakkoo ijootti kaasu.
Rakkoon kun hanqina dhiyeessii manneen jireenyaa akka uumamu taasisuu irraa kaasee, hanga lammiileen kiraa mana jireenyaa garmalee olka’aa ta’e akka kaffalan taasiseera.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad turtii Waxabajjii 30, 2018 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummaataati taasisaniin missiraachoo tokko ifoomsanii turan.
Bara itti aanu Manneen Jireenyaa miiliyoona 1.5 ni ijaaramu, kanaafis haaloonni mijachuu dubbatanii turan.
Rakkoon dhiyeessii maallaqaa hanqinni dhiyeessii manneen jireenyaa akka bal’atu wantoota taasisan keessaa ijoodha.
Dooktar Abiy Ahimadis rakkoo kanaaf malli dhahamuu ibsan.
Waliigalteen Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Korporeeshinii Maallaqaa Idil addunyaa gidduutti mallatteeffame, seenaa maallaqaa Itiyoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa kan baneedha.
Dooktar Abiy Ahimad har’a fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, Dhaabbanni kun gama Itiyoophiyaatiin Birrii biiliyoona 100 fi gama Korporeeshinii Maallaqa Idil addunyaatiin ammoo gumaacha doolaara miiliyoona 200 gahuun hundaa’e kun walsimuu dhabuu yaa’a maallaqa callaa damee baankii biyya keenyaatti mul’atu kan furuufi Itiyoophiyaa guutuutti liqii maallaqa bittaa manaa kan argamsiisudha.
Dhimmichi lakkoofsarra darbee lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoonaan lakkaawwaman abjuu abbaa manaa ta’uu isaanii kan dhugoomsudha.
Michummaan kun tarkaanfii murteessaa manneen miiliyoona 1.5 gatii walsimaa ta’ee fi kabaja Itiyoophiyaanotaaf malan dhiyeessuuf, akkasumas tarkaanfii murteessaa galma sirna maallaqaa keessatti hirmaannaa damee dhuunfaa babal’isuuf kaawwame milkeessuuf gargaara jedhan.
Daandiin kun addunyaa irratti biyyoota hedduu keessatti moodeela milkaa’aa ta’ee kan hojjete yoo ta’u, gabaa liqii mana jireenyaa dhiibbaa kuusaa maallaqaa yeroo gabaabaa baankota irraa bilisa gochuudhaan, sirna faayinaansii mana jireenyaa itti fufiinsa qabu uuma.
Hanga ammaatti Itiyoophiyaa keessatti, mana ofii qabaachuun lammiilee hedduuf abjuu fagoo ta’ee ture. Sababni guddaan isaas, dhiyeessiin liqii mana jireenyaa yeroo dheeraa daangeffamuu fi dhalli liqii olaanaa ta’uu isaati.
Dhaabbanni haaraan kun guutuu Itiyoophiyaatti maallaqa Liqaa mana jireenyaaf oolu dhiyeessuun, keessattuu lammiilee galii giddugaleessaa qaban, dargaggootaa fi kanneen maatii horataniif carraa guddaa uuma.
Dabalataanis, manneen jireenyaa gatii madaalawaan ijaaraman miliyoonni 1.5 rakkoo hanqina mana jireenyaa magaalaa fi baadiyaatti mul’atuuf deebii qabatamaa ta’a jedhamee eegama.
Kunis lammiileen rakkoo fi dhiphina kiraa mana jireenyaa irraa bilisa ba’anii, mana ofii isaanii qabaachuudhaan tasgabbii jireenyaa fi kabaja hawaasummaa akka argatan carraa bal’aa uuma.
Afawarqi Iyyaayyutiin
#Oromia #Ethiopia