Mootummaan fayyadamummaa dubartootaafi daa’immanii milkeessuuf imaammata hojiirra oolcheen hojiileen bu’aa qabeessi hojjetaman – Biiricha

Finfinnee, Hagayya 8, 2018 (FMC)- Mootummaan fayyadamummaa dubartootaafi daa’immanii milkeessuuf imaammattoota fi tarsiimoo garagaraa hojiirra oolcheen hojiilee bu’aa qabeessi hojjetamaa jiruu jedhe Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Oromiyaa.

Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Oromiyaa leenjii hubannoo cimsuu ‘imaammata dubartoota diinagdeen gahomsuufi walqixxumma sirna korniyaa biyyaalessaa’ irratti caasaalee isaa sadarkaan jiraniif magaalaa Adaamaatti kennaa jira.

Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’imman Oromiyaa Aadde Maabraat Baacaa saganticha irratti haasaa taasisaniin, mootummaan fayyadamummaa dubartootaafi daa’immanii milkeessuuf imaammattootaafi tarsiimoo garaagaraa hojiirra oolchaa jiruun hojiile bu’a qabeessi hojjetamaa jiraachuu himanii, keessumaa waggoottan 20’n darban bara hundeeffama biirichaa keessatti hojii milkaa’an hojjetamuu kaasaniiru.

Haaluma kanaan biirichi hojii kenna tajaajila lammummaatiin hojiilee bu’a qabeessa hojjechaa turuu kaasanii, kanaanis hanga ammaatti mana harka qalleeyyii Kuma 156 ijaaruun rakkoo hawaasa kan fure bu’aa olaanaadha jedhan.

Gama birootiin diinagdee dubartootaa bu’uura irraa furuuf hojii bal’aan hojjetamaa turuu eeruun, kunis dubartoonni dinagdeen of danda’anii miidhaa dubartoota irra gahu xiqqeessuuf gumaacha olaanaa akka qabu himaniiru.

Dabalataanis hojii ijaarsa dubartoota cimsuu irratti hojjetameen dubartoota miiliyoona 11. 2 ijaaruun hojii bu’a qabeessi hojjetameera jedhan.

Fayyadamummaafi nageenya daa’immanii mirkaneessuuf hojii bal’aan gama Paarlaamaa Daa’immanii hundeessuufi akkasumas iddoo tursiisaa daa’immanii kuma 1fi 980 hundeessuun danda’amuu kaasaniiru..

Leenjichaan jijjiiramaafi milkaa’ina hanga ammaatti argame gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf caalmaatti immoo dubartoonni akka diinagdeen ciman gochuu keessatti gahee olaanaa akka qabu eeruu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment