Mootummaan kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuuf hojiilee eegale cimsee itti fufa- Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Hagayya 7, 2018 (FMC)- Mootummaan kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuuf hojiilee eegale cimsee itti fufaa jedhan Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii.
Obbo Awwaluun Abdiin Gamoo ammayyaa Godina Jimmaa seektaroota 17 iddoo tokkotti qabate eebbisaniiru.
Gamoon kun yeroo gabaabaa keessatti ijaaramee kan xumurame yoo ta’u, tajaajila dijitaalaa waraqaa irraa bilisa ta’e kennuuf kan gargaaruudha.
Pireezidaantii Itti aanaan Mootummaa naannoo Oromiyaaa obbo Awwaluu Abdiin saganticharratti haasawa taasisaniin, mootummaan fayyadamummaa ummataa gama hundaan mirkaneessuuf yeroo kamiinuu caala kutannoon hojjetaa jira jedhan.
Kana males, kenniisa tajaajilaa ammayyeessuuf caasaalee mootummaa hanga sadarkaa gandaatti bifa ammayyaan gurmeessaa jiraachuu eeruun, kunis cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.
Bulchaan godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir gamasaaniin, godinichatti aanaaleen 3 tajaajila iddoo tokko hojirra oolchuu eeruun, aanaalen 4 yeroo gabaabaa keessatti hojiirra oolchuuf hojjetamaa jira jedhan.
Kunis, kenniinsa tajaajilaan walqabatee rakkoowwan hawaasarra gahan hambisuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.
Muktaar Xahaatu gabaase
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment