Mootummaan pirojektoota fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan xiyyeeffannoon hojjechaa jira- Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Caamsaa 18, 2018(FMC)- Mootummaan pirojektoota fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan Pireezidaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin.

Godina Shawaa Lixaa aanaa Tokkee Kuttaayeetti pirojektoonni misoomaa 32 Birrii miiliyoona 300 oliin ijaaraman eebbifamaniiru.

Obbo Awwaluu Abdii sagantaa eebba pirojektoota kanneeniirratti ergaa dabarsaniin, mootummaan pirojektoota fayyadamummaa Uummaataa mirkaneessaniif xiyyeeffannoo kennee hojjechaa akka jiru ibsuun, jijjiirama eegalame itti fufsiisuuf tumsi qaamolee hundaa murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Gama tokkoon nageenya mirkaneessaa gama tokkoon immoo gaaffii hawaasaa deebisuuf hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa gama isaaniin, mootummaan jijjiiramaa jiruu fi jireenya hawaasaa bu’uurarraa jijjiiruuf pirojektoota gaaffii hawaasaa deebisuu danda’an hojjechaa akka jiru ibsuusaanii Kominikeeshiniin Godinichaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment