Raayyaa Tekinooloojii Ammayyaa fi Naamusa Gaariin Ijaarame

Finfinnee, Onkoloolessa 22, 2019 (FMC) — Seenaan Raayyaa Ittisa Biyyaa seenaa bilisummaa Itiyoophiyaa waliin gadi fageenyaan kan walqabateedha.

Baroota garaagaraatti biyya weerara alaa irraa ittisuuf, kabaja ummataa fi birmadummaa biyyaatiif wareegamni kaffalame galmee seenaa keessatti boqonnaalee hin hirraanfatamne ta’anii galmaa’aniiru.

Yeroon yeroo yeroon jijjiiramaa, seenaa keessatti olka’iinsaa fi gadi bu’iinsi garaagaraa mul’atus, Itiyoophiyaan yeroo hunda cimtee dhaabbattee jirti.

Ciminnii fi guddinni biyya guddoo kanaa bu’aa waliigalaa kutannoo fi gootummaa Raayyaan Ittisa Biyyaa bara dheeraaf agarsiisaa turee dha.

Raayyaan Ittisa Biyyaa kuufama meeshaalee waraanaa fi humna waraanaa qofa osoo hin taane, eegduu birmadummaa biyyaa, gaachana nageenya ummataa fi bu’uura nageenyaati.

Qaama ummata irraa adda ba’ee jiraatu osoo hin taane, ummata keessaa kan madde, ummataaf kan dhaabbatuu fi nageenya ummataaf dursa kan kennu ta’uun, Raayyaan Ittisa Biyyaa ummata waliin tumsa, walta’iinsaa fi hariiroo cimaa
hafuura itti gaafatamummaa waloo irratti hundaa’e qaba.

Kunis ergamni Raayyaa Ittisa Biyyaa bu’uura cimaa akka qabaatu taasiseera.

Dandeettiin ogummaa humna namaa, qulqullinni leenjii, itti fayyadamni teeknooloojii, naamusni dhaabbataa fi sadarkaan naamusa gaarii amaloota Raayyaa Ittisa Biyyaa ibsanidha.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa meeshaalee waraanaa ammayyaa fi teeknooloojii misooma humna namaa fi dandeettii ogummaa waliin walitti makuun dandeettii ittisaa isaa guddisuuf carraaqqiin taasisaa jiru, haala yeroo ammaa wajjin walsimuun sadarkaa amanamummaa olaanaa akka qabaatu isa taasiseera.

Yeroon ammaa yeroo teeknooloojii fi saffisaa waan ta’eef, Raayyaan Ittisa Biyyaa yeroo wajjin walqixa tarkaanfachaa jira.

Gama ammayyummaa kanaan fakkeenyi tokko Humna Qilleensaa Itiyoophiyaati.

Har’a Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa xiyyaarota waraanaa ammayyaa, diroonota sadarkaa olaanaa irra jiran, akkasumas sirnoota ittisa qilleensaa cimaan dandeettii qilleensa irratti qabu mirkaneesseera.

Humni Qilleensaa qaamolee Raayyaa Ittisa Biyyaa dandeettii ittisaa waraanaa isaa ol kaasan keessaa tokko yoo ta’u, lafa irrattis ta’e qilleensa irratti biyya isaa eeguuf dandeettii birmadummaa uumeera.

Raayyaan meeshaalee waraanaa ammayyaatiin guutamee fi beekumsaan ijaarame kun mallattoo cimina Itiyoophiyaa ta’ee dandeettii isaa ifatti mul’isaa jira.

Teeknooloojiiwwan inni hidhate daangaa qilleensa biyyattii eeguuf, dandeettii odeeffannoo cimsuuf, akkasumas hojiiwwan ittisaa garaagaraa keessatti deeggarsa barbaachisu dhiyeessuuf murteessoo dha.

Haa ta’u malee, ammayyummaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa meeshaalee waraanaa inni qabuun qofa osoo hin taane, beekumsa ogeessota isaa, leenjii fi teeknooloojii itti gaafatamummaadhaan fayyadamuuf dandeettii qabuunis kan mul’atuu dha.

Meeshaalee waraanaa ammayyaa fi teeknooloojii caalaa wanti Raayyaa Ittisa Biyyaa haala addaan ibsu ijaarsa naamusa gaarii isaati.

Naamusa ogummaa, olaantummaa seeraatiif ajajamuu, mirgoota namoomaa eeguu, nageenya ummata siviliif dursa kennuu fi sirna heera mootummaa kabajuun amaloota Raayyaa Ittisa Biyyaa kanaa ti.

Itiyoophiyaaf Raayyaan Ittisa Biyyaa maqaa ittiin waamamu qofa miti; mallattoo wareegamaa, seenaa, itti gaafatamummaa fi tokkummaa biyyaati.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #Mul’ataGuddaa

Malkaam Fiqaaduutiin

Comments (0)
Add Comment