Finfinnee, Ebla 12, 2018 (FMC) – Naannawaan Daldala Bilisaa Afrikaafi Gamtaan Awurooppaa waliigaltee Yuuroo biiliyoona 1.2 mallatteessaniiru.
Fooramiin biiznasii Itiyoo- Gamtaa Awurooppaa guyyaa har’aa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.
Baniinsa fooramii kana irratti Seekreetariyaatiin Naannawaa Daldala Bilisaa Afrikaafi gamtichi waliigatee Yuuroo biiliyoona 1.2 kan mallatteessan yoo ta’u waliigaltichis walitti hidhamiinsa dinagdee Afrikaa saffisiisuuf gargaara jedhame.
Tumsa Afrikaafi gamtichaa cimsuuf faayidaa olaanaa qabaachuus ibsameera.
Kana malees qaamolee lameen gidduutti hariiroo dinagdee fi waltajjiwwan marii daldalaa dabalatee hirmaannaa dam-hedduu guddisuu akka danda’u eerameera.
Masaafint Birilleetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia