Finfinnee, Fulbaana 14, 2019 (FMC) –Sagantaa piroojektii “COWASH IV” jedhamuun jiraattoonni kumni 300 fi kumni 69 tajajila bishaan dhugaatii qulqulluu argataniiru.
Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti hojiiwwan sagantaa kanaan hojjetaman daawwatamaniiru.
Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa, Injinar Araarsoo Abdulaxiif, bara 2018 keessatti pirojektootni bishaanii haaraan 236 ijaaramuufi 59 ammoo suphamuu himaniiru.
Kana males, manneen barnootaafi dhaabbilee fayyaa 71n tajaajila bishaan dhugaatii akka argatan taasifamuu eeran.
Fayyaa maatii mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaniin manneen fincaanii kumni 5 fi 540 ijaaramanii hawaasaaf tajaajila kennaa jiraachuu Injinar Araarsoon dubbataniiru.
Hojiiwwan kunniin qindoomina Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaafi mootummaa Finlaandiin kan hojjetaman yoo ta’u, hojichi gara fulduraatti cimee itti fufa jedhame.
Daawwannaa Aanaa Qarsaatti taasifame irratti hogganaa Biiroo Barnoota Oromiiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo, Itti aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa obbo Darajjee Abdannaafi hoggantootni gara garaa argamaniiru.
Samiiraa Mahammadiin
#Oromia #Ethiopia