Finfinnee, Fulbaana 22, 2019 (FMC) – Sadarkaa Ministira Muummee Ittaanaatti Hogganaan giddu-gala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimokiraasii obbo Adam Faaraah ergaa baga Ayyaana Irreechaan isin ga’ee dabarsaniiru.
Obbo Adam ergaa isaaniin, Irreechi waltajjii aadaa guddicha walooma, nagaa, wal kabajuu, araaraa fi dudhaalee walitti hidhamiinsa hawaasaa guddisee mul’isu ta’uu kaasaniiru.
Ayyaanichi nagaa biyyaaf, tokkummaa sab-daneessaa fi badhaadhinaaf calmaatti akka jabaannuuf kaka’umsa gudddaa akka uumu nan amana jedhan.
#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa