Obbo Geetaachoo Raddaa Ministira Tumsa Misoomaa Idil-addunyaa Noorweey waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 14, 2019(FMC)- Gorsaan Dhimmoota Bahaa Afrikaa Ministira Muummee obbo Geetaachoo Raddaan Ministira Tumsa Misoomaa Idil-addunyaa Noorweey Oosmiind Ookruust waliin mari’ataniiru.

Obbo Geetaachoo Raddaa Yaa’ii Waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii 81ffaa Niwuyoorkitti gaggeeffamaa jiru cinaatti Ministira Tumsa Misoomaa Idil-addunyaa Noorweey Oosmiind Ookruust waliin dhimmoota nageenyaa Sudaan fi Gaanfa Afrikaa irratti mari’ataniiru.

Qaamoleen lameen tattaaffiiwwan qindaa’aa Sudaanitti nageenya waaraa mirkaneessuuf taasifamu akkaataa cimsuun danda’amurratti mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment