Ogeeyyiin mari’attootaaf ibsa taasisan

Finfinnee, Adoolessa 27, 2018 (FMC) – Oolmaa Guyyaa har’aa Maree Biyyaalessaan Gareen Ogeeyyii miseensota 500 irraa ijaaraman gareewwan ajandaa saddeetiif ibsa bal’aa kennaniiru.

Ogeeyyiin kunniin guyyoota darban keessatti adeemsa marii taasifameen yaadota ka’an, dhimmoota ifa hin taane, akkasumas ilaalchota garaa garaa fi wal faallessan irratti ibsa kennuun, yaadotni ka’an akka ifa ta’anii fi furaman taasisaniiru.

Gareen qindeessituu miseensota 25 qabu yaada ajandaa qaboo yaa’iin qindaa’e ibsa saayinsawaa dhihaateen gabbisuun, qaboon yaa’ii gareewwan 8 miseensota 500 qabaniif dhihaatu irra deebiin qindeessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment