Olka’iinsa ce’aa Itiyoophiyaa!

Itiyoophiyaan biyya seenaa dheeraa fi aadaa bal’aa qabduudha.

Akkuma seenaa keessatti himamutti, Risaan yeroo umrii isaa dheereffatu, baallee isaa moofaa of irraa buqqisee, Uuruu isaa dhagaa irratti qara baafatee, humna haaraa horate deebi’u sana, Itiyoophiyaanis seenaa waraanaa fi hiyyummaa akka baallee moofaa tokkootti of irraa harcaasteetti.

Gadadoo, rakkinaa fi kufaatii kaleessaa gara cimaatti jijjiirteetti.
Itiyoophiyaanonni Lola Adwaa irratti injifannoo guddaa galmeessisan. Injifannoon kun bilisummaa Itiyoophiyaa eeguuf akkasumas Afrikaa keessatti mallattoo diddaa garbummaa ta’eera.

Har’as Itiyoophiyaan seenaa, aadaa fi eenyummaa ishee irratti hundaa’uun guddina fi badhaadhinaaf tattaaffachaa jirti.

Hirkatuummaa isheen addunyaarratti ittiin beekamaa turte har’a jijjiirameera.

Qonnaa qormaatilee cichoominaan ce’uun, gufuulee ogummaan hiikuun, injifannoo haaraa galmeessuu eegalteetti.

Har’a Itiyoophiyaan hojii misoomaa cimaa hojjechuun, biyya bu’uura jabaa irratti ijaaruu irratti argamti.

Imalli olka’iinsaa kun fedhii qofaan osoo hin taane dhugaa qabatamaan lafarratti mul’achaa kan jiruudha.

Sagantaan maaddii guutuu, Itiyoophiyaan haa oomishtuu, Ashaaraa magariisaa, Inisheetiiviin Misooma Qamadii Jallisii Bonee, ijaarsi hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa,Misoomni Koriidarii fi kanneen biroo wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuun dhugoomsaa jiru.

Mariin Biyyaaleessaa, filannoon diimokiraatawaa gaggeessite, eenyummeessaan diijitaalaa biyya bu’uura jabaa irratti ijaaruu keessatti gahee isaanii bahataniiru.

Biyyi duraan waltajjii addunyaa irraa loogamtee turte, har’a dandeettii dipilomaasii ishee guddisuun, Gaanfa Afrikaatti giddugala walitti hidhamiinsaa taateetti.

Itiyoophiyaan tulluu rakkoo diigaa, akka risaa haaromfamteetti; olka’iinsi haarawaan waggoota itti aanan keessattis akka urjii barii ifee mul’ata.”

Teediroos Korreetiin.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment