Olka’iinsa Dippilomaasii Itiyoophiyaa

Finfinnee, Qaammee 2, 2018 (FMC)- Imaammanni alaa fi dippilomaasii Itiyoophiyaa waggoota shanan darban keessa haala faayidaa biyyaalessaa fi birmadummaa biyyaa kabachiisuun ce’umsa taasiseera.

Hoggansa Mootummaa Ida’amuun hojiiwwan dippilomaasii hojjetaman Itiyoophiyaa sadarkaa ajandaa naannawaa fi ardii bocuu danda’utti ceesisuun, dhaggeeffatamummaafi dhiibbaa ishee guddisaniiru.

Dippilomaasii gama hedduun miseensa BRICS ta’uun, ce’umsa teeknooloojii fi beekumsaa cimsachuun, Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa xumuruun dippilomaasii anniisaan dhiibbaa naannawaarratti qabdu daran guddisteetti.

Kana malees, sagantaa Ashaaraa Magariisaan, hambaalee aadaa fi seenaa gara biyyaatti deebisuun, akkasumas hirkattummaa deeggarsa alaa irraa gara dandeettii ofiitti ce’uun, dhiibbaa dippilomaasii cimsatteetti.

Jijjiiramni dippilomaasii kun Finfinnee giddugala ijoo waltajjiiwwan ardii fi idil-addunyaa taate akka jabaattu gochuu bira darbee, dippilomaasii diinagdee, misooma biyya keessaa fi invastimantii keessatti gahee olaanaa akka qabaattu taasiseera.

Hariiroowwan idil-addunyaa dameewwan daldalaa, indaastirii fi teeknooloojii keessatti taasifaman, birmadummaa biyyaa fi imala Itiyoophiyaan dandeettii ofiitiin dhaabbachuuf taasiftu deeggaruu keessatti qooda bahachaa jiru.

Keessumaa, gaaffiin ulaa galaanaa karaa nagaa, hammattoo seeraa fi qajeeltoo faayidaa waliinii irratti hundaa’uun dhugoomsuuf tattaaffiin tarsiimawaa taasifamaa jiru, sadarkaa idil-addunyaatti fudhatama fi tumsa akka argatu taasiseera.

Kunis dhiibbaa siyaasaa fi diinagdee biyyattiin naannawichaa fi sadarkaa idil-addunyaatti qabdu daran olkaaseera.

Itiyoophiyaan waggoota shanan dhufan keessatti olaantummaa fi dhiibbaa dippilomaasii waggoota darban keessatti mirkaneessite daran cimsuuf mul’ata tarsiimawaa guddaa qabattee jirti.

Xiyyeeffannoon ishee inni guddaan biyyoota Gaanfa Afrikaa gidduutti walitti hidhamiinsa diinagdee fi bu’uuraalee misoomaa guddisuu, gurgurtaa humna elektirikaa Hidha Guddicha Haaromsaa babal’isuun giddugala anniisaa naannichaa ta’uu, akkasumas gaaffii ulaa galaanaa mirkaneessuudha.

Dabalataanis, karaa hammattoo BRICS fi dhaabbilee idil-addunyaan diinagdee dijitaalaa guddisuu, ce’umsa teeknooloojii cimsuu fi invastimantii hawwachuun, waggoota dhufan keessatti badhaadhina biyyaalessaa saffisiisuuf adeemsa eegalteetti.

Dippilomaasii jijjiirama qabeenya qilleensaa fi dandeettii Diyaaspooraa fayyadamuun, Itiyoophiyaan sadarkaa ardii fi waltajjii idil-addunyaatti ajandaa bocuu fi dhiibbaa tarsiimawaa qabdu daran cimsachuun itti fufti.

Abrahaam Abarraan.

Comments (0)
Add Comment